Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kiristaana Miliyoona Hedduutti Addunyaa Irraa "Christmas" Ulfeeffachaa oole


Beeteliheem,lafa Yessoo Kiristoon itti dhalatee jalqabee haga handaara biyya gara garaatti nama miliyoona hedduutti guyyaa dhaloota Yessoo Kiristoo, Christmas kabajate jira.

Itti gaafatamaan amantii Kaatolikii Roomaa,Pope Firaansisi,akka Suudan Kibbaatii fi biyyitii waraanii rakkise ta dhibiilleen nagaa qabaatan labse.

Jaarsii dhalootaan Argentiinaa ka ganna 77 kun, yoo kiritsaanii kuma hedduu dhaloota Yessoo Kirstootiif waldeennaa Vatikaan,St.Peter Square jirtutti ulfeeffachuuf dhufe tana i jedhe.

Ergaa afaan itti gaafatamaan amantii Kaatoolikii Roomaa nagaan gaafatu,"Urbi et Orbi" jettu tanaan akka biyyiti Suudan Kibbaa, Naayeerjiyaa, DRC, Iraaqii fi Siiriyaan faan rakkoo isaanii araaraa fi mariin fixatan itti dhaame.Tana maleellee akka dubbiin Israahelii fi Palestaayinilleen fala nagaa argattu waaqa yaammateef.

Gama kaaniin ammoo kiristaanii hedduulleen lafa Yessoo Kirsitoon itti dhalate, Beeteliheemilleetti baafatee shaamaa bobeeffachaa waaqa ufii galateeffachaa oole.

Biyya gara garaalleetti kaan manneen amantii ufiitti yaahee waaqa ufii galateeffataa,kaan ammoo maatii fi hariyaan walti dhufee qophii akka akkaa keessa ture..

please wait

No media source currently available

0:00 0:24:12 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG