Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaamochii Akka Qoraattii Nama Waraanu Amerikaatti Gadi Baafatee, Manneen Barnootaa Kuma Hedduu Cufaa Oolche



Cabbii,dhaamochaa fi bubbeen Amerikaa Gama Kaaba Bahaatiin itti baafatte waan hedduu irraa nama oolchite
Cabbii,dhaamochaa fi bubbeen Amerikaa Gama Kaaba Bahaatiin itti baafatte waan hedduu irraa nama oolchite
Amerikaatti ammitii saatii cabbii, dhaamochaa fi fi bokkaati. Dhaamochii akka qoraatti nama qilxiphuu, cabbii fi bubbeen wal qabate Amerikaa Jiddugala Dhihaa waliin dhahaa, Kaaba Bahaatii fi Kibbaatti dhuftee nama hedduu haajaa fi hujii irraa oolche.
Karaa baaburaatii fi ka makiinaalee akkanuma cuccuftee dhaqaa fi galallee nama dhoowwe.

Akka raaga qilleensa Amerikaatti qilleensii Waashington DC,New York, Filadelphiyaa fi Boston hardhaa digrii selshiyeessii 10 gadi diqqo turee achiiyyuu gadi bu’e.

Dhaamochaa fi bubbeen lafa qabbaneessite tun Filooridaa fi Teksasii duruu oowwa dansaa jaalatanillee hin hanqanne. Bulchooti manneen barnootaa nafii ijoollee dhaamocha haga dabraa kana hin dandahu jedhanii manneen barnootaa kumii hedduu cufaa oole.

Nama miliyoona hedduutti dhaamochaa fi cabbii akkanaatiin rakkate
Nama miliyoona hedduutti dhaamochaa fi cabbii akkanaatiin rakkate
Dhaamochaa,cabbii fi bubbeen tun jireenna nama miliyoona 200 kaan hujiii irraa oolchaa,kaan karaa irraa oolchaa,kaan ammo ammoo barnootaa fi haajaa isaa hedduu irraa oolchite.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG