Xurree ittiin seenan

Breaking News

Demokiraasii Amerikaan Mi’eeffatte Addunyaafuu Qooduutti Jirtu Tana Keessaa Seerii Gadaa Oromoo Jiraatutti Beennaa?


Malii bulchiinsa Amerikaa addunyaafuu fkn tahe kun kama biyya isii keessaa bahe moo biyya biyyaa walti guurratte?Nami heddulleen tanuma gaafata.

Woma taateefuu Amerikaan bara dhibba lamatti duratti,gaafa yoo jireenna ufi wayyeeffachaa dhufte kaaniti nama miliyona hedduu biyya ufiitti fidachaa baate.Namii dhufu beekusma akka akkaatiin dhufaaf.

Jari kun bara 1902 keessa Ellis Island,NY dhufee hortee isaanii barbaadumatti jiran
Jari kun bara 1902 keessa Ellis Island,NY dhufee hortee isaanii barbaadumatti jiran
Warra bara 1902 biyya tana,Amerikaa fidan keessaa 20 haga 30 tahu Boorana. Boorana Itoophiyaa gama Kibbaatii dhufe jedhanii maqaa isaaniillee barreessaniif.Nadheenii ijoollee, kahima,nama cimeessaa faatti keessa jira.

Barii 1892-1925,bara namii miliyoona hedduu,iddoolaa Amerikaa NY jirtu,Ellsi Island dhufe. Jara dhufu kana galmeessanii wayuma isaani waliin footoo kaasanii suuraa isaanii muuziyeemii keessaa naqan.Namii Amerikaa ka gaafa nama biyya alaati dhufu galmeessuu Augustus.F. Sherman jedhan.

Suuraa warra dhufe kana muziyeemii Amerikaa heddu keessa naqan,New York,MD fi hedduu keessa jira jedhan.

Oromoo bara 1902 biyyaa fidan sun bara xuyyuurilleen hin jirre sunitti akkamiin biyya tana fidan,hoboloon dhfue akka hin jennee karaan fagoo,xuyyuura akka hin jenne bara sun xuyyuuri jriaachuu fi dhibaachuu mirkanaa miti.
Booranii kun jaarra 19esso, gadaa Guyyoo Boruu,Adi Dooyyoo fa keessa Amerikaa dhufuu hin oolu jedhan
Booranii kun jaarra 19esso, gadaa Guyyoo Boruu,Adi Dooyyoo fa keessa Amerikaa dhufuu hin oolu jedhan
​Akka jaarroleen Booranaa jettutti gaafii namii akkana bahuu dandahuu bara abbootii gadaa Adii Dooyyoo,Guyyoo Boru,Liiban Jaldeessaa,Boruu Galmaa fa keessa tahuu dandaha.

Akka jaarsii argaaa dhageettii gadaa Booranaa aabba Waaqo Guyyoo jedhutti jarii kun gadaa Boruu Guyyoo Ingilee biyyaa bahuu hin oolu.
Maal jennaan

“Gaafii faransjiin biyya teenna dhufte gadaa Boruu Guyyoo Ingilee keessati,seera keessan baranna jettee lichoo Guyyoo Galgaloo,(hayyuu Booranaa) fuutee galateetteen,isumaa lichoon sun muuziyeemii London keessa jiraachuu hin ooltuu jedhan.”

Jarii faranjii ka bara 1900 keessa Boorana dhufe kun waan arge barreeffachaa,waan qoratu qorachaa,aadaa barachaa,waan hojjatu hojjataa jedha aabba Waaqo.

“Seera keessan barachuu feennaa jennaan mataan seera keennaa,fiixee seera keennaa kanaa jedhanii lichoo hayyuu itti kennanii fudhatanii galataniin.”

Jarii kun yoo bara 1900 keessa biyya dhufee aadaa gadaa barachuu jalqabee,ka lichoo hayyuutuu fuudhee deemeenii aadaa barahcu jalqabee,sirnii gadaa Oromoo kun seera bulmaata Amerikaatuu keessa jiraachuu hin oolu jennee mala murraa jennaan akkana jedhe aabba Waaqo..

“Mala qofaa miti yoo akka warrii ingiliizaa itti wal bulchu,ka Amerikaa itti wal bulchu,bulchoota isaanii ulfeessu laallu, seera keenna irraa fudhachuu hin oolan.Waan hedduunuu waluma fakkaatan.”

Woma taheefuu barii faranjiin biyya dhufte,jaarraan 19essoo hammeennaa fi tolaan beekama.Hammeennii waranaa minilikii namtti baafatee,tolii ammoo ka hadhanii ufi irraa dhowwan.Tolii kaan ammoo bara warrii adiin dhufee aadaa teenna biyya alaatti nuu barsiisuu jaqabee jedhan.

Adoo tanaa dubbannuu horteen Boorana bara 1902 keessa Amerikaa fidanii kun eessa jirti?Walumattuu horteen Oromoo bara dheeraa sun keessaa biyyaa baatee eessa akka geetu ha walumaan odeeffachaa yaanuu.

Adoo tana jennuu qrataa Amerikaa ka bara 1900 keessaa jireenna gadaa Oromoollee ilaaluu dhufe ka akka Arthor Donalson Smith fa beettuu? Torbaan dhufu itti deebina

please wait

No media source currently available

0:00 0:14:08 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG