Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaaraa Paayileetiin Xayyaara Itiyoophiyaa Butee, Jenevaa Geessee Harka Kennate



Xayyaarii Gargaaraan Paayleetii Xayyaara Itoophiyaa bute kun Room Dhaquuf Finfinnee Ka'e
Xayyaarii Gargaaraan Paayleetii Xayyaara Itoophiyaa bute kun Room Dhaquuf Finfinnee Ka'e
Gargaaraa Paayileetiin yokaan balalsiisaan xayyaara Daandii qilleensaa Itiyoophiyaa, xayyaara gara Roomitti qajeele har’a butee Jenevaa qubachisee, ofii dahata siyaasaaf harka kennate.

Umuriin isaa 31 ka ta’e, Haayil-medihin Aberraa Tegenyi, Paayileetiin xayyaarichaa kutaa balalsiistotaa ykn Kookpiitii keessaa ba’ee gara mana fincaanii ennaa deemetti, kutaa sana keessaan cufatee -- xayyaaricha BOEING 767 jedhamu dhuunfatee gara Jenvaatti qajeelche - jedhama.

Qubachuu xayyaarichaa tii booda - Dirreen Xayyaaraa Jenevaatti sa’aatiilee hedduuf, xayyaarota ka biroof cufamee -- booda hojii isaa jalqabe.

Mootummaa Itiyoophiyaa irraa Waajirri Ministara Dhimmoota Komiyunikeeshinii Mootummaa immoo --- Gargaaraa paayileetiin xayyaaricha bute sun -- miliqee baduu yaalee qabamuu isaa dubbata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG