Xurree ittiin seenan

Breaking News

USA Teknooloojii Jabanaatti Abdattee Lakkoofsa Waraana Isii Akka malee Diqqeessuutti Jirti


Akka Minsiteri Ittisa Waraana Amerikaa, Chuck Hagel jedhetti lakkoofsii waraanaAmerikaa haga gaafa Waraana Addunaya Lammeessootti duraan jiruutti gadi bu’a.

Bulchiinsii perzdaanti Obaamaa yoo hedduu lakkoofsa waraana isaa diqqeessuuf dubbachaa ture. Akka jecha Ministera Ittisa Waraana Amerikaa,Hagel jedhetti bajaeti waraana biyya isaanii bara waraana Iraaqii fi Afgaanistaan keessa dooloara biliyoona 700tti dhiyaatu amma gara doolara biliyoona 496tti deebiha.

Waan bajata waraana Amerikaatiin diqqeessuuf karoorfataniin keessaa tokkoo jeettilee jabana Cold Wara,lola dubbii siyaasaatiin wal hadhanii ((A-10)) ta taankilee Soviet Union loluuf qopheessanii fi loltuu waraana Amerikaa bara 9/11 duraan turanii 570,000 irraa gara 440,000-450,000tti gadi buusuu.Lakkoofsii waraana Amerikaa bara 1940 asitti akkana diqqaatee hin beeku.


Humnitii warana garba irrallee irraa loltuu diqqeessuuf karooratti jira.Akka Hagel jedhetti humna waraana isaanii Asia-Pacific jirullee humna komputeratti deebisuuf karoorii jira.

“Humana waraana Amerikaa gamuma cufaanuu diqqeessaa,jabana teknooloojii baranaatiin qophii jiraachu keenna agarsiisuuf eena.”

Minsitrii Ittisa Waraana Amerikaa, dubbii tana Konigreesii Amerikaatti himuuf qophii jira.Achii ammoo, hujiin tun humna waraana Amerikaa laaffistee doorsisa Chaayinaa, Jiddu-Gala Bahaa, Afrikaa fi Azhiyaa Kibbaati dhufu dabaluu dandeetti jedhani falmiin hedduun dhufuu dandeetti.

Taatullee karoorii perzdaanti Obaamaa lakkoofsa waranaa teknooloojii jabanaatiin hojjatu qabaachuu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG