Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministiriin Haajaa Alaa USA Baranallee Biyya Hedduutti Ummata Ufii Rakkisee Mirga Isaallee Gadi Qabee Jedhee Gabaase


USA baruma baraan gama minitirii haajaa alaa isiitiin baruma baraan rakkoolee biyya gara garaa keessa jiran jette barreessiti.

Barii dabre,2013 akka gabaasa kanaatti bara mirgii ilmaan namaa akka malee itti gadi qabame. Siiriyaa,C-A-R,Maalii fi Somaaliyaa faatti nama nagaa hedduutti waraana jidduutti dhumatee,kaan qahee baqatee kaan waraana jidduutti marfamee sodaan jiraata.

Mootummaan Siiriyaa ummata hiriira bahetti gazii waraanaatiin hadhe.Kana keessaatti bara dabre qofa ijoollee 426 waliin nama 1,400 waraana jidduutti dhumate.

Akka minsiterii Haajaa Alaa Amerikaa,Joon Keerii jedhutti warri mirga ummata ufii gadi qabu siyaasaa fi jireenna ummataallee rakkisaa jiraata.

“Biyyootii mirga ilmaan namaatii gadi qabanii ulfinallee dhowwan,fedhii teennaa fi fedhii ilmee namaa akka rakkisan hinuma beenna.”

Afrikaa gama gaafaa keessaa ammoo ministirii haajaan alaa,USA Itoophiyaa, Eritriaa, Somalaiaa,Suudan Kibbaa fa.Waan Itoophiyaan himatan keessaa waraanii isii somaaleetti seera malee nama fixuu, namii musliimaatii fi miseensii paartilee mormituu mana hidhaatti lubbu dhabuu fa.

Warra Tigraay Allaamaaxaatti manneen isaanii irra jissaniin hiriira bahee achuumaan dhaban jedhanilleen gabaasa USA ka baranaa keessa jira.Itoophiyaatti nama hedduu walti qabanii mana hidhaatti dhippaatti hidhuulleen rakko jedhan keessaa tokko.

Horiin namii hidhaa jiru kun argatu nyaataa dhugaaii fi dhibamee kennamulleen qarshii 8 qofaa jedha gabaaii Ministiri Haajaa Alaa Amerikaa kun.

Gabaasii Ministiri Haajaa Alaa Amerikaa ka bahe kun Eeirtaan biyya perzdaantii isii, Isaayyaasa Afewarqii kophaatti marsee itti cufatee irreen bulchuutti jiru jedhee gabaase.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG