Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Biyya CAR-tiif Waraanaa 12,000 Ergee Nagaa Eeguuf Fedha



Central Africa Republic(CAR)ganna kudhan keessatti mootummaa sadii argite amantii irratti akkana wal hadhan
Central Africa Republic(CAR)ganna kudhan keessatti mootummaa sadii argite amantii irratti akkana wal hadhan
Biyyiti Afrikaa gama jidduu, CAR (Central Africa Republic) tun biyya yoo hedduu siyaasaa miilaa lafaa fuudhe,ta namii Kiristaanaa fi Musliima jedhee irratti wal hadhu.

Lolii kun gamuma gamaan farqachaa deemuutti jira.Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa, Baankii Moon nagaa biyya tanaa humna waraanaatiin eeguuf,loltuu humna qabdu 12,000 itti erguu fedha.

Hujiin waraana kanaa akka Baankii Moon jedhetti tokko, nama nagaa waranaa jidduu baasuu,mootummaa humna jabeessuu,warrra nama hadhu irraa qawwee hiikuu fi akka namii gargaarsa argatu tolchuu fa.

Rakkoon tun akka Baankii Moonitti rakkoo fala jabaafi ariifataa argachu malte.“ Jeequsmii mare mare dhufee haaloo wal fuusisu kun, ariifatee dhaabachuu male. Tokkummaan Mootummootaa akka CAR rakkoo akka malee hamtuu keessaa baatee ufi dandeetu fedha”

CAR, amma waraana Waldaa Afrikaa 6,000-tti ka Faransaa 2,000-tti dabalmaee eeguutti jira.Waldaan Awurooppaalleen waraanaa 1,000 ergaa jedhee waadaa gale.

Biyyitii tun akka lakkoosa bara 2012 bahetti ummatii isi haga miliyoona shanitti dhiyaataa,teessoon isii Bangui, Afrikaa gama jidduutiin qubatti.

Biyya tana durii Faransaayitti bitaa bahee bara 1960 bilisoomtee afaan isiilleen Faransaayii fi Sangoo.Bara 2003 jalqabdee haga 2013tti mootummaa sadii argite. Perzdaantiin ammaa Samba –Panzati.

Afrikaan haga ammaatti dubartii sadiitti perzdaantii itti tahe.Ta CAR ta ammaa Joyce Baandaati ta Laaybeeriyaa Ellen Johanson, ta Malawi ammoo Joyece Baandaati.Jari sadeenu bara biyyiti isaanii rakkoo hamtuu keessa buute bulchaa tahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG