Xurree ittiin seenan

Breaking News

Niijer Ilma Perzdaantii Libiyaa ka Durii,Saadi Gadaafii Biyya Isiitti Baqate Qabdee Liibiyaatti Ufirraa Galchite



Liibiyaan ilma perzdaantii isii ka durii,Saadi Gadaafii Niijeri qabanii itti fidan ya hiite
Liibiyaan ilma perzdaantii isii ka durii,Saadi Gadaafii Niijeri qabanii itti fidan ya hiite
Saadii ilmaan perzdaantii Liibyaa saddeetan keessaa maandhicha, quxusuu.Ganna sadiin duratti mootummaan abbaa isaa, Mohaammad Gadaafii gara galchanii isallee ijjeesani jennaan baqatee Nigeritti gale.

Akka gurbaan Gadaafiin kun qabamee Liibiyaatti kenname, muummee minsitera Liibiyaa, Alii Zeidanitti dubbate.

Saadiin kun teessoo mootummaa Liibyaa, Tiripooliitti hidhaa jira.Namii kun itti gaafatmaaa Federeshini Kubbaa Miilaa biyya isaanii tahee hojjate.Horii ummataa nyaateee balleessee nama hiriira bahe ficcisiise jedhanii seera addunyaatiin himachuuf itti jiran.

Eegii mootummaan perzdaantii Liibiyaa, Gadaafiin gara galeen duubatti maati isaan kaan biyyuma isaatti dhumatee, kaan baqatee biyyaa bahee,ka bahellee hedduu qabanii biyyatti galachani balleessaa jedhaniif gaafachuutti jiran.

Gadaafiin,ganna haga 40 Liibyaa bulchee, waraana addunyaatti gargaarsa ummata isaallee itti argatee hadhee hujii irraa buuse.Liibiyaan biyya afaan Arabaa dubbattu,ta Afrikaa gama Kaabaatiin qubattu, ummatii isii miliyoona jahaa oli tahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG