Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manii Marii Bakka Buutotaa Du'a Perzdaantii Naannoo Oromiyaa,Obboo Alemaayyoo Atoomsaaf Gadda Guyyaa Sadii Labse


Obbo Alemaayyoo Atoomsaa nama jireenna barsiisummaa irraa haga perzdaantummaa naannoo Oromiyaatti oli bahe.Akka lakkoofsa Itoophiyaatti nama bara 1981 jalqabee paartii biyya bulchitu waliin hojjachaa ture.

Akka gabaasii DH.D.U.O-tti obboo Alemaayyon nama Oromiyaa keessaa malaa mmaltummaa balleessuufi misooma ariifachiisuuf amanaa itti kenname amanamummaan hojjachaa ture.

Itti aanaan perzdaantii naannoo Oromomiyaa,obboo Abdul Aziz Mohaammed hujiin obboo Alemaayyoon itti qabsaahaa turan akka itti fufiinsa qabaattuuf hojjatamuu qabdu jechuun obboo Alemaayyoon faarsa.

Manii Marii Bakka Buutota Itoophiyaa lubbuu dhabiitii obboo Alemaayootiif gadda guyyaa sadiitii labsee, akka alaabaalleen gadi siiffamee fannifamu hajaje.

Perzdaantii naannoo Oromiyaa kun,dhibaaf biyyaa alaatti wallanamaa turaniin kaleessa umrii 455i labbuu dhabe kana awwaalii bori.

Yoo reeffi obboo Alemaayyoo kalee Finfinnee seenetti muummee ministera Itoophiyaa obboo Hayilee Maariyam Dessaalenyii fi bulchoota gara garaatti simate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG