Xurree ittiin seenan

Breaking News

Booyingi 777,Xuyyuurii Maleezhiyaa Nama 239 Fa'atee Beejingittiin Dabree Asi Cophxee Isaatuu Dhaban Kaan Barbaadumatti Jiran



Jara Booying kana yaabbate keessaa sadii Amerikaa dhibbaa oli chaayinaa kaan ka biyya gara garaati
Jara Booying kana yaabbate keessaa sadii Amerikaa dhibbaa oli chaayinaa kaan ka biyya gara garaati
Booyingi 777,xuyyuura Maaleezhiyaa diida xuyyuuraa biyya ka’eefii nama 239 fa’atee Beejing, Chaayinaattiin deemuu achillee hin geennee achumaan lafa dhaban kaan doonii fi xuyyuura addunyaatti walii bahee barbaaduutti jira.

Akka amma jejjechuutti jiranitti harkii nama hamaa,goolii uumuulleen waan keessa jiru hin fakkaatu.

Booyingiin kun haga badee guyyaa sadii caaccaba isaallee hin agarre.Xuyyuurii kun gara itti deemu adoo hin gahin ufi irra deebi’ee jedhan.Maaliif deebi’e,deebi’ee maal tahe,waan keessaa hammaatetti jiraa,harka nama hamaa seenee, paayletotii maaliif hammeenna isaa ykn ammoo maal akka tahe dubbachuu dadhabanii fi gaafiin hedduun ammallee deebii hin arganne.

Bilbilii jara xuyyuura sun keessa jiruu tokko tokkoo yoo bilbilan hinuma yaamalle.Woma taaheefuu barbaadii addunyaa ittuma jira.

Akka itti gaafatamaan guddaan dhaaba poolisii addunyaa, InterPol Ronald Noble jedhutti namii Iraan lamaan xuyyuura kana paaspoortii dharaatiin yaabbatee balaa buusuuyyuu hin ooluun shakkame shakkiin sun ammati waan hunda qabaa hin fakkaattu.

Booying 777,adoo deemu Vetnaami gahee jennaan raadariilleen arguu dadhaban eegii sunii asittuu barbaadanii hin argine. Doonii USA fi ka addunyaa ka dhibii fi helekoopterii addunyaa hedduutti lafa km 92,000 ballattu keessa barbaaduutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG