Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchooti IGAD Rakkoo Suudan Kibbaati Fala Barbaaduuf Bori Finfinneetti Kora Taa’an



Biyyooti Miseensa IGAD rakkoo Suudan Kibbaatiif fala dhahumatti jiran
Biyyooti Miseensa IGAD rakkoo Suudan Kibbaatiif fala dhahumatti jiran
IGAD,dhaaba Walgargaarsa Biyyoota Ollaa Afrikaa Gama Gaafaa Misoomana Wal qarqaaraniiti.

Gaafa bulchooti Suudan Kibbaa wal dhabani namii waraanaa walti baafatee asittu akkanuma fala barbaadaa bahan.Jariu kun duraan mariin araaraatiin dubbi tana jalqabe.
Jarilleen marii Ammajii dabarte Finfinneetti teette irratti walii gallaa jedhullee sun hin taane iluma nyaaphaatiin wal laaluutti jiran.
Dhaabi Misooma Afrikaa Gama Bahaa,IGAD amma ammoo jara kana Finfinneetti walti yaamee akka biyya sunitti waraana nagaa eeguu erguu dandahaniin irratti mari’ata.

Akka oduu hima ministera haajaa alaa Itoophiyaa,Diinaa Muftiitti rakkuma Suudan Kibbaa tun kora guddaa qalbi jabduu kennaniif irratti ilaalan.

“Korii kun akka waraana itti erguu dandahanii dubbatan.Tun akka namii hedduun irratti walii gale nmaan jennaan waraanii lafa eegu kun biyya miseensa IGAD keessa jiran cufa irraa dhufa.kaan ammoo biyya miseensa IGAD hin tahin Burudnii fi Rwaandaa keessa dhufa.”

Biyyitii dhibiin rakkoo Suudan Kibbaa tana faluuf waraana erginaa jete Itoophiyaa, Keenya fi Jibuutii.Biyyitii qaraa akkuma Suudan Kibbaatti namii waraanaa walti baafateen waraana ergiteef Ugaandaa.

Waraanii Ugaandaan,ka duruu paartiin Suudan Kibbaatiin wal aatu seera malee hojjataa jettee himatte kaan yoo waraanii IGAD dhufe Suudan Kibbaati baha.Waraanii Suudan Kibbaa ka ammaa kun qaraa wal dhaba perzdaantii Suudan Kibbaa Salv kiirii fi itti aanaa isaa ka durii Rick Machaaritit irraa dhufe.Eege waraanillee gosaan wal qoodee lolaa walti baafate.

Woma taheefuu waraanii IGAD ergu kunm akka namii walti nyaaphee wal hin aane tolcha, lafa eega.Taatullee waraanii kun hujiif bahuun duratti Waldaa Afrikaatii fi Tokkummaan Mootummootaa irraa hajaja aragachuu male.

Suudan Kibbaa biyya ganna sadiin duratti Suudan irraa baatee,lolii biyya tana keessatti ji’a asitti dhalachaa deemuutti jiru ammatti nama 1,000 caalaa fixe.

Gama kaaniin ammoo warrii dubbii isaanii irratti waraanii dhalate itti gaafatamtotii paartii bilisummaa Suudan Kibbaa,SPLM hidhaa jiran afaran dubbii isaanii Bitotteessa 19,laalaniif.

Jara kana afran,itti gaafatmatoota paartii Sochii Bilisummaa ummata Suudan Kibbaa, SPLM, minsitera nagaa biyya Sunii ka durii, itti aanaa misnistera ittisa isii,USA-tti itti aanaa bakka bu’aa Suudan Kibbaa ka durii fi itti gaafatamaa SPLM ka durii fa. Mootummaa gara hojjachaa bahan jedhanii himatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG