Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eegii Asi Cophxee Isaa Dhabanii Guyyaa 12ti,Xuyyuura Maleezhiyaa Kaan Ammallee Barbaadumatti Jiran



Biyya hedduutti xuyyuura Maleezhiyaa asi cophxee isaa dhaban garba keessaa lafa gara garaa keessa barbaaduutti jira
Biyya hedduutti xuyyuura Maleezhiyaa asi cophxee isaa dhaban garba keessaa lafa gara garaa keessa barbaaduutti jira
Xuyyuuri Maalezhiyaa nama 239 baatee Chaayinaatin dabre kaan ammallee hin agarree,biyya 20 olitti itti wal gargaaree soquutti jira.

Maatiin warra namii isaanii xuyyuura sun keessa jiruu du’aa fi jireenna maatii isaanii caqafachuuf guyyuu miilumaa fi balbala bulchoota isaanii dura jiran.Hardha waliin guyyaa 12ti,USA, Awurooppaa,Awustiraaliyaa fi biyya hedduutti lafaa fi garba km miliyoona hedduu ballattu keessa xuyyuura kana barbaaduutti jira.

Yaadii hagii tokko ammoo paayleetota xuyyuura suniitii fi gargaartota isaa nama haga tokko komputera isaanii soqaa waan hedduu keessa barbaaduutti jiran.

Maatiin hagii tokko akka bulchootii Maleezhiyaa ‘dhuguma’ itti himanii gaafatan.
“Guyyuma guyyaan gaafii gara hin qamne tana caqasa,guyyuma suma arga,ya hifadhe.Akka homaa tahuu hin dandeennee nu beetta.Wanti nu tahuu dandeennuu boohuuf abdi kutachuu qofa.Ati ammoo nu sobuuf dhara odeessuu qofa,tana wannii ati dubbachaa baatelleen.”

Warra xuyyuuruu keessaa jiru harkii guddaan nama Chaayinaati jari ammoo wannii guyyua guyyaan dhageennuu waan wal hin fakkaanne jedhee abdii kutatee dubbachuutti jira.

Xuyyuura asi cophxee isaa dhaban kana saatelaayitii,doonii fi waan hedduun barbaaduutti jiranii haga ammaa faanallee hin agarre.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG