Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perzdaantiin Raashiyaa,Godinaa CRIMEA Biyya Ufiitti Dabaluuf Hajaje, USA Tanaa Jettee Raashiyaa Adabuuf Labsite



Godinii Kirimiyaa kun bara 1900 keessaa jalqabee biyya akka akkaa jala ture
Godinii Kirimiyaa kun bara 1900 keessaa jalqabee biyya akka akkaa jala ture
Godinni Kiriimiyaa (CRIMEA) ka godina Raashiyaa kun godina duruu seenaa hedduun beekamu.Bara hedduu keessaa biyya akkaa jala turte. Ukreyin gama Kibbaa gara garba BLACK SEA jedhanii jirti.

Godinii Ukreyin(biyya Raashiyaa irraa citte) kun haga guddaan ufumaan ufi bulcha.Wal dhaba dhiyoo tana bulchoota Ukreeyinii ummata walti kaasetti dubbii Krimiyaa kanallee oowwise.
Godina kana haga guddaan ummata Raashiyaatti keessa jiraataa dhiyoo tana Raashiyaatti dabalamuuf murteeffate.Perzdanatiin Raashiyaa Vilaadmir Puutinilleen eegii seneta isaaniitii fi miseensii mana marii isaanii 'CRIMEA' dabalachuuf walii galaniin duubatti godina kana ufitti dabaluuf mallatteesse.

USA fi biyyitii Awurooppaa hedduun Raashiyaan seera malee godina kana 'CRIMEA' Ukreyin irraa fudhatte jedhanii biyya suni adabuutti jiran.

Perzdaantiin Amerikaa,Baraak Obaamaatti akka Raashiyaan haga qaraallee caalaa adabamuu malte labse.Raashiyaa adabuu jechuun dhaabbilee haga tokkoo akka isaan biyya sun waliin woma ahin hojjanne dhowwanii humna isii laaffisuu fa. Taatullee Raashiyaan ammatti USA adabuu hin feene jetti.

Kirimiyaa (Crimea)namii akkana irratti wal dhabuu tun bara 1900 keessa jalqbdee biyya akka akkaa jala turte.Bara 1917 Raashiyaa jalaa baatee,1991 Ukreeyin jalatti deebite, 2014 ammoo Raashiyaa jalatti deebite.Umamti isii akka lakkoofsa bara 2007 miliyoona lamatti dhiyaata

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG