Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoopiyaa Haasaa Lammiiwwan Isaa To'achuu Qabe


Mootummaan Ethiopiaa software teknolojii ol aanaa china, Xaaliyaanii fi Germany irraa argatetti fayyadamuu dhaan lammiiwwan Ethiopiaa biyya alaa jirani hojii isaanii to’achuuf itti fayyadama.

Felix Horne jarmayaa mirga namaa kan sadarkaa addunyaatti qorata dhimmootii gaanfa Afriikaa ti. Mootummaan Ethiopiaa galmee bilbila namootaa fi e-mail lammiiwwan isaa biyya keessaa fi ala jiranii argachuuf daandii dhorkaa hin qabna qaba jedhan.

Itiyoopiyaa keessatti caasaan telecom kan china keessatti hojjetame galmee bilbila namootaa argachuu fi yoonmii fi eessaa akka bilbilame argachuuf gargaareera jedhaniiru.
Biyyoottii alatti immoo lammiiwwan murtaa’oo kanneen biyya alaa jiraatan teknolojii gama dhiyaatti fayyadamuu dhaan hojii isaanii to’ata. Teknlojiiwwan kun immoo kampanilee Taliyaanii Hacking Team” jedhamuu fi kan Germany Gamma” jedhamu biraa argame.

Telekominikeeshiniin Itiyoopiaa Mootummaa dhaan to’atama. Sim caardiin telefoonaas erga odeeffanoon dhama dhuunfaa galmeeffamee booda argachuun danda’a, kun immoo mootummaan bilbila biyya keessaa fi alaa-tti bilbilamu akka salphaatti adda baafachuuf isa gargaaraa jedha Humaan raayit waatch.

Baatii darbe lammiin Ameerikaa hidda dhalata Itiyoopiyaa tokko odeeffannoo komuputera kootti seenan kanas baatilee afurii oliif gochaa turan jechuu dhaan mootummaa Ethiopia himate.

Horne akka jedhanitti gareeleen gosoota biyyattii hagi tokko biyyootii alaatti yeroo bilbilan balaa keessa akka jiratu itti dhaga’ame.

Gorsaan muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa obbo Getachew Redda himannaa Humaan raayits wa kana haalanii jiran.

Gareen sun naannoo sana keessatti waa taanaan amala Ethiopia himachuu qabu. Kun immoo misooma biyyattii keessaaf ilaalcha gaarii hin taane kenna jedhan.

Mootumaan marii dhoksaatti marii mormiitootaa dhaggeeffachuuf qabeenyaa hin balleessu, himannaan sunis kan gatii qabu miti jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG