Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xuyyuura Maleezhiyaa Nama 239 Waliin Asi Cophxee Dhaban Kaan Ammallee Xuyyuura 10 fi Doonii Sagalitti Barbaaduutti Jira


Addunyana barbaada xuyyuura Maleezhiyaa badee dhaban kana itti wal gargaarumatti jirti
Addunyana barbaada xuyyuura Maleezhiyaa badee dhaban kana itti wal gargaarumatti jirti
Eegii badee torbaan sadii haga hardhallee asi copxee isaallee hin agarre.Caacabii dhiyoo tana garba keessaa guuranii addunyaan walti kullfiteelleen ka isaatii miti.Booying M370-770,xuyyuura geejjiba Maleezhiyaa ka lafaa dhaban kaan ammallee barbaadumatti jiran.

Akka bulchootii Awustiraaliyaa jedhanitti xuyyuura kana arguun jajjabduu tahuutti jirti.
Ministerii hajaja waraana Awustiraliya ka durii Angus Houston-illeen caaccaba xuyyuura kanaa garba Indii gama tokkoon keessa barbaaduutti jiran jedha.

"Ogeeyyoota addunyaa keessatti beekamana ka hojjatoota Awustiraaliyaa waliin hojjatan qamna.Hujii akka malee jajjabduuti, taatullee ittuma jirra.”

Xuyyuurii geejjibaa kun eegii biyyaa isaatii ka’ee adoo saatii tokkollee hin gahinuu dhabanii.Odeeffannoon dhumaa paayleettiin isaanii warra lafa jiru waliin dabarse "Daandii Qilleensa Xuyyuura Maleezhiyaa 370,” jetti.

Barbaada kana biyya gara garaatti itti wal gargaaree garba keessa soquutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG