Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabii Humna Waraana Addunyaa Qoratu, ‘Global Firepower’ Sadarkaa Humna Waraana Itoophiyaa Addunyaa keessaa 40essoo Jedha


Global Firepower, GFP,dhaaba waraana biyya gara garaa qoratee baruma baraan gabaasa baasa. Yoo jabeennaa fi humna waraana biyya tokkoo qoratu waan hedduu laala. Dhaabii kun yoo waraana biyya tokkoo qoratu teessumaa biyya sunii, humna waraana isii,horii waraana sunii ramadamee fi waan hedduu laala.

Gabaasa baranaatiin,2014 Itoophiyaan addunyaa irraa humna waraanaatiin 40essoo, Afrikaan Kibbaa ammoo 41essoo Naayjeeriyaan 47essoo, Keenyaan 63essoo jedhee baase.Dhaabii kun humna waraana biyya 106 qoratee gabaasa baase.

Masriin Afrikaa keessaa humna waraanaatiin tokkeessoo addunyaa ammoo 13ssoo jedhee Paaksitaan,Biraazili,Xaliyaanaa fi Israaheliin wal qixxeesse dhaabii kun.
Jeemsi Haskeeti ogeessa Qorannoo Tarsiimoo Addunyaa Londoniiti.

“Itoophiyaan humna waraana isii qarooma jabana kanaatiin wal fakkeessuuf guddoo hojjattee waraanallee hammayyeeffatte.”

Itoophiyaan humna waraanaa boontuun taankii waranaaa T-72, jeettii waraanaa SU-Flankers fa qabdi.Marsaan interneettii Global Firepower Itoophiyaa humna waraanaatiin addunyaa keessaa 40esso ha jedhullee Hasket ammoo Itoophiyaan jabeenna waraanaatiin Afrikaa caaluu caaluu dhabuu beekuun nama dhibdi.

“Waraanii Afrikaa kibbaa qaraamoona jabana kanaa biyyootii Afrikaa dhibiin hin qamne qaba. Ka Naayjeeriyaa hammayyaahaa ammallee hagasa caalaa hammayyaahaa deemuutti jira. Ka Keenyaalleen ganna diqqaa asitti ittuma jira.Taatullee Afrikaa keessa waraana kamiti humanaan caalaa jedhanii beekuun nama dhibdi.”

Dhaabii Global FirePower biyya 106 qorate gabaasa baasullee Eeirtaa hin daballe. Taatullee akka Hacket waraanii Eeirrtaalleen humna waraana qilleensa wayyeeffachaa deemuutti jirti.Taankii waraanaa T-72 jeetii waraanaa MIG-29 fi jeettii waraanaa SU-27 faan jabeeffatte.

Hasket Itoophiyaan waraana keessallee akka gostii cutii walqixxee qooda qabaattu tolchuuf hujiitti jirti jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG