Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maratoonii Boston Namii kum 36 Irratti Wal Dorgome Dhiiraan Amerikaatti Moo’e


Atileetiin kun dorgommii Boston ta waan hedduun qaabatan moohachuun guddoo isa gammachiifte
Atileetiin kun dorgommii Boston ta waan hedduun qaabatan moohachuun guddoo isa gammachiifte
Boston magaalaa Masachuuse ta ganna dabre nama dorogmmii maratooniitii dhufe jalatti bombiin awwaalani namii sadi itti dhumatee hedduun madaahe.

Dorgommiin Boston ta waldaan IAAF qopheessuu gugurdoo keessaa tokko. Warrii barana dorgommii tana qopheesselleen wantii dorogmmii tana irraa 'nu hambisaa hin jirtu' jedhee dorgommi karaatti baafate.Walumattu nama hujii nagaa eeguu kuma hedduutti dhufee nagumaan dhuamtte.

Atileetiin Amerikaa dorgommii tana moo’e Meb Keflezighi nama ganna 39ti Eertiraatti dhalatee amma kaalifoorniyaa Jiraata.KM 42 tana 2:08:37 moo’e.Namii itti aanee moo'e atileetii Keenyaati. Dubralleen atileetii Keenyaa Rita Jepetootti moo’e.

Meb moohannaan akkana jedhe:”Eegii bombiin asitti nama fixxee asittuu akkanuma deebihee dorgomee moohachuu fedhe.Nama harka naa dhaanutti na jabeessee na moohachiisee ani nama milkii dansaa qabu”

Namii kun gaafa gannii isaa 12 Amerikaa dhufee amma haadha warra isaatii fi ijoollee isaa sadeen waliin Amerikaa San Diyeegoo jiraata.

Dorgommii Boston tana bara hedduun duratti jalqabanii tana waliin marroo 118 dorgoman. Walumattuu warra barana moohatuuf badhaasa doolara kuma 800 lafa jira.

Gama kaaniin ammoo Itoophiyaa leenjisaa kubbaa miilaa haaraa Mariano Barreettoo Portugaalii filachuu hin ooltu.

Akka oduu gara garaa argannetti hujiin guddoon leenjisaa kanaa kilabii kubbaa miilaa Itoophiyaa waancaa Afrikaa ka ganna dhufu Morookootti taphataniif qopheessuu.
Leenjisaan kubbaa miilaa ka ganna 57 kun Gaanaa ji’a sagaliif leenjise kilaboota biyya akka Raashiyaa fi Awurooppaa fa leenjisaa bahe.

Taatullee ammatti Federeeshiiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa filatamtu leenjsiaa kanaa irratti ammatti womaa hin jenne.

Gama kaaniin ammoo kilabii English Premeire League Chelsiin taphattoota bebeekamoo sadii dhabuu fa dandeetti jedhanii sodaatan.Jarii sadeen kun David Luiz, John Terry fi Fernando Torres fa.

Fernando Torres kontiraatii kiyya ganna kana dhumachuu dandahaa jedhee gaazezaa Afaan Ispaanishiin bahutti hime.Nama kana kialbii Xaliynaa Internazionale Euro miliyoona 50tiin bitachuuf jala maruutti jira.

Deevid Liyuus maanajera isaa Jose Mourinhoo guddoo walii galuutti hin jiru innillee waan deemmaa xaxachuuti jiru fakkaata.

Namii dhibiin Chesliin waan harkaa ufi dhabuutti jirtu fakkaattu ammoo Joon Teeriiti.Isallee Machestera Cityitti gaadachuutti jira.Tottenhamilleen Kiristiyaan Eriksen jabeeffachuu baannaan isallee kilabiitti bitachuuf itti falachuutti jira.
.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG