Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorraa fi Qilleensa Hamaa dandammachuun Lubbuun Hafe


Abbaan gurbaa umruii waggaa 16 kan dilbata darbe boolloo gommaa xayyaara San Jose Californiyaa dhaa gara Maui dhaqaa ture keessa dhokatee deemaa ture oduu isaa yeroo jalqaba dhaga’an kan rifatan ta’uu isaanii fi booda irra garuu ilmi isaanii fayyaa ta’uu isaatti boqonnaa argachuu isaanii dubbatan.

Gurbaan Yahya Abdi jedhamu balalii sa’aati afurii sana irraa lubbuun baraarame yeroo ammaa hospitaala Hawaaii keessatti wal’aanamaa jira. Abbaan isaa VOA sagantaa Afaan Somaleef akka ibsanitti oduu sana kan dhaga’an kutaa tajaajila poolisii Hawai irraa bilblaan ta’uu ibsan.

Mucaa isaanii jimaata darbe yeroo dhumaaf arguu isaaniif waliin ta’uun sagaduu isaaniis ibsaniiru.

Imala sodaachisaa akkasii ilmi koo geggeesse TV irraa wayitan dhaga’ae Rabbi isa oolchuu isaaf galateeffadheera jedhan.

Ilmi isaanii yeroo mara Afriikaatti deebi’uu kan fedhu ta’uu dubbata, haala gamasiif garuu yeroo ammaa deebi’uu kan hin dandeenye ta’uu itti himana jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG