Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Itiyoopiyaa gaazexeessota Sagal shorokaa ooftan jechuun Hidhe


Poolisiin shakkamtoota kana salgan kaleessa Ebal 19 bara 2006 mana murtii federaalaatti kutaa Araadaa dhaddacha tokkoffaatti dhiyeesse.

Poolisiin himatamtoota salgan galmee sadii adda addaan himate. Galmee isa jalqabaa irratti Tesfa Alem W/Yes, Asmaamaw H/Giyoorigis fi Zelaalem Kibret. Galmee lammataa irratti immoo Natainaa’el Feleqee, A xnaafuu Berehee fi Edoom Kaasaayee yoo ta’an galmee sadaffaa irratti immoo Befekadu Hailu, Abel Wabela fi Mahlet Fatnahuntu argama.

Galmeen isaanii adda adda haa ta’u iyyuu malee poolisiin hundumaa shakke kan jedhe yakka wal fakkaatuun ta’uu galmeen mana murtichaa ibsee jira.

Poolisiin akka jedhutti shakkamtoonni kun humnotii alaa kanneen mirga namaaf falmina jedhan waliin yaadaa fi maallaqaan walii galuu dhaan uummata kan shoorkeessuuf fi mootummaa humnaan fonqolchuuf jecha marsariitii irratti yakka jeequmsaa tamsaasuun shakkamaniiru.

Poolisiin qorannaa isaa kan hin xumurre ta’uu ibsee guyyaan 15 itti dabalaa akka kennamuuf mana murtii gaafateera. Haa ta’u malee manni murtichaa shakkamtoota galmee jalqabaa fi lammataa irratti dhiyaataniif ka duraaf yeroo qorannaa guyyoota kudhanii, kan lammataaf immoo guyyoota kudha tokko kennee jira. Shakkamtoonni kun to’annaa jala kan oolan Ebla 17 fi 18 ture.
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:25 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG