Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaan Dorgommii Shaampiyoonaa Dargaggoota Itoophiyaa Baahir Daaritti Qopheessan Ya Dhaquu Didde


Dorgommiin shaampiyoonaa Itoophiyaa silaa guyyaa sadii keessatti dorgoman amma Caamsaa dhufutti dabarsan. Federeshiiniin atileetisii Itophiyaleen tana irratti mariitti jiraa.Eessatti akka dorgomanillee hin hin beenne.Oromiyaan ammoo hin dorgomuu jettte.

Akka jecha leenjsiaa kilabii Poolisii obbo Toleeraa Dinqaatti haga deeggartootii ispoortii naannoo Baahir Daar amala akka dorgommii ‘Guutuu Itoophiyaa’Baahir Daaritti agarsiisan dhiisanitti Oromiyaan naannoo sunitti hin dorgomtu.Dorgommiin sun amma Caamsaatti dabarsanii eessatti akka taphatanillee ammatti hin beekamne.

Gama kaaiin ammoo atileetotii Itoophiyaa dorgommii Chaayinaa fi Amerikaalleef qophiitti jiran. Dorgommii metirii 1500 fi 3000 fi dorgommii akka akkaa tana irratti atileetota bebeekamoo hedduutti irratti dorgoma.

Federeeshiiniin atileetiksii Itophiyaleen tana irratti mariitti jira.Eessatti akka dorgomanillee hin beenne.Oromiyaan ammoo hin dorgomuu jettte.Akka leenjisaa kilabii Poolisii obbo Toleeraa Dinqaatti haga deeggartootii ispoortii naannoo Baahir Daar amala ta akka ‘Dorgommii Guutuu Itoophiyaa’ biyya isaaniitti taphatan agarsiisan dhiisanitti Oromiyaan naannoo sunitti hin dorgomtu.

Gama kubbaa miilaatiin ammoo dorgommii kubbaa miilaa English Premiere League torbaan 36esso keessa jirti.Torbaan kana keessatti marroo 350 taphatanii goolii 983tti gale.

Tana keessaa Luis Suarez garee Liver Pool goolii 30 galfate.Taphii akka malee itti wal moohan ka Manchester Sitiin Norwich 7-0 dhaantee carasitee fa. Taphii namii hedduun bahee daawwte ka Manchester Yunited, Aston Villa 4-1 mootee nama 75,368 bahee daawwate.Kalee fi guyyaa dheengaddaatti ammoo goolii 23tti gale.

Hardha ammoo Arsenal fi New Kastiitti, waliin taphata.Arsenaal sadarkaa 4 irra jirtii New Castle ammoo sadarkaa 9essoo irra jirti.Maanajerii New Kastle, Alan Pardew gaafa kilabiin isaa Hull Sity 4-1 moote tapha irratti wal falmanii taphataa Hull Sity David Maler mataan laphee keessa dhaheef dooalra kuma 99,800 adabaniii tapha jaha irraa dhaaban amma ya hujiitti deebi’e.

Gama kaaniin ammoo VOA-n taphattoota kubbaa miilaa Afrikaa bebeekamoo bara 2014 wal dorgomsiiste.Jara maqaan isaanii oli bahe keessaa lama taphattoota Itoophiyaa Adaanee Girmaa ka Masrii taphatuu fi Saladdiin Sayid Masrii taphatu fa.

Walumattuu Afrikaa keessaa taphattoota akka Kolo Turee,Dembaabaa Baa,Samuhel Etoo taphattoota Keeniyaa,Naayjeriyaa fi hedduutti dorgomaa. Hagasittu me nama jabaa jettan ka badhaafamuu male jettan marsaa interneetii VOAtii fi marsaa moobila VOA irratti yaada keessan nuu barreessaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG