Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo olbaanaa Leellisaa fi Obbo Baqqalaa Garbaa wal’aansa fayyaa dhorkaman jedha Amnestii Internaashinaal


Mana hidhaa Qaallittii keessatti hidhamanii kan jiran obbo Baqqalaa Garbaa fi obbo Olbqaanaa leellisaa gargaarsa eegumsa fayyaa argachuu dhorkaman jechuu dhaan Amnestii International beeksisee jira.

Itiyoopiyaatti to’annaa jala kan oolan hoogganoonni garee mormituu Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa fi obbo Olbaanaa Leellisaa miseensota gareelee mormituu ta’uu akksumas yaada ofii walabummaan ibsuu isa jedhu hojiin agarsiisuu isaanii qofaaf hidhamuu isaanii Amnestyn beeksisee jira.

Keessumaa fayyummaan obbo Olbaanaa Leellisaa hedduu yaaddessaa ta’uu isaa kan ibse jamyaan mirga namaa kan sadarkaa addunyaa kun waamicha kana kanneen dhaga’an martinuu hidhamtoonni kun lamaan fi hidhamtoonni kanneen biroon hatattamaan gargaarsa eegumsa fayyaa akka argatan akka gaafatan ibsee jira.
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:19 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG