Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan gaazexeessonni Itiyoopiyaa keessatti hidhamanii jiran haa hiikaman jechuun gaafatte


Ministeerri dhimmaa alaa Ameerikaa guyyaa har'aa ibsa baaseen Itiyoopiyaa keessatti jimaataa fi sanbata darbe to'annaa jala kanneen oolanii fi mana hidhaa Maa'ikelaawwii keessatti qorannaan irratti geggeessamaa kan jiru gaazexeessonni sadii fi namoonni barruu interneetii irratti maxxansan ja'a haall isaan itti qabaman hedduu kan isa yaaddesse ta'uu ibsee dhimmi isaanii hatattamaan ilaalamee akka hiikaman gaafatee jira.

Mootummaan Itiyoopiyaa dhimma hidhamtoota kanaa hatattamaan ilaalee akka isaan hiiku gaafana. Dhimma kanas angawoota mootumma Itiyoopiyaa karaa bakka buutota keenya Finfinnee keessa jiranii gaafannee jirra.

Carraa kanaan Ethiopia keessatti kan argamu walabummaa dubbachuu fi kan sabaa himaa irratti dhiittaa mirgaa jiranis yaadachiisuu feena.

Mootummaan Itiyoopiyaa walabummaa heera isaa irratti kan mirkaneesse akka kabanu ni gaafanna jecchuu dhaan dubbi himtuun ministeera dhimma alaa Ameerikaa Jane Saakii ibsanii jiru.
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:24 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG