Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiiga dhangalaasisuu Sudaan Kibbaa Dhaabsisaa Jedhu Ripublikaanonni


Seera tumtoonni paartii ripaablikaanota US president Obamaan kun waggaa 20 dura jalqaba irratti Rwanda keessatti ta’e nama yaadachiisa kan ittiin jedhan dhangala’uu dhiigaa sudan kibbaa keessaa dhaabsisuuf daran hin hojjenne jechuun qeeqan.

Miseensa mana maree kan ta’an Frank Wolf, president Obamaan presidentota duraanii George W Bush fi Bill Clinton hookkarri sun dhaabatee nagaan akka bu’u akka gargaaraniif sudan kibbaatti akka ergan gaafatan.

kutaa varginiyaa irraa Miseensa kongresaa kan ta’an Frank Wolf akka jedhanti/Dubartootaa fi Ijoollee dabalatee siviilonni hedduun lafa waaqeffannaa isaaniitti ajjefamanii iddoon sun lafa awwaala isaanii ta’e jedhan.

Ajjechaa Benti’uu keessaa fakkii agarsiisan qabatanii turan. Koree hariiroo alaaf aangawaan dura ta’aa ta’an kun Prezidaant Obaamaan hatattamaan tarkaanfii akka fudhatan gaafatan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:30 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG