Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Afrikaa Waliin Hujii Daldalaa Doolara Biliyoona Heddu Hojjachuuf Qophii Jirti


Muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa Haayilemaariyaam Dessaalenyii fi kan Chaayinaa Lii Kee Chaang
Muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa Haayilemaariyaam Dessaalenyii fi kan Chaayinaa Lii Kee Chaang
Muummeen minsitera Chaayinaa lII Keechaa biyya Afrikaa afuritti imatluu dhufee karoroa biyyitii isaanii Afrikaa wlaiin hojjachuuf qabdu Finfinneetti dubbatee bulchoota Itoophiyaallee wal mari'ate.

Akka ministerii kun kora galma waldaa Afrikaa Finfinneetti taahe irratti jedhetti biyyitii isaanii karoora Afrikaa waliin hujii daldalaa fi investiemntii hojjachuuf qabduun oolara biliyoona 400 caaltuun hojjachuuf kurfooo jirti.

Chaayinaan ammatti porojeektii doolara biliyoona 200 caaltu baaftee hojjachuutti jirti .Ministerii Chaayinaa kun yoo muummee minsitera Itoophiyaa obboo Hayilee Maariyam Dessaalenyiin wal argetti waan gosa 18 irratti mari’atan.Obbo Hayilee Maariyam marii tanaan duubatti akkana jedhe.

“Chaayinaan biyya guddachuutti jirtu, Itoophiyaan ammoo Afrikaa fi addunyaa keessaa ariitiin guddachuutti jirtu keessaa tokko.Waan hedduu wal irraa barannee waliin guddachuutti jirra.Waan waliin qmanu guddifanna. Ummata keenna waliin guddifanna.”

Minsiterootii tun haga guddaan akka dinagee waliin guddifachuu dandahan irratti mari’atan.Hujii Chaayinaan Itoophiyaa gargaartiin jedhan keessaa hujii baaburaa,kara elektiorii hidhaa abbayaatii fi waan hedduu.

Muummeen minstera kun imaltuu biyya Afrikaa afuritti deemuuf Itoophiyaatti gore.Bara 2020 keessatti akka jecha ministera Chaayinaatti daldadala Afrikaa waliin qabdu doolara biliyoona gara dooalra biliyoona 200tiin dabaluu fedhan.

Akkuma kanaan Afrikaa liqee dabaltee,hujii qonnaatiin gargaartee,jijjiirama qilleensaa irralleetti akkanuma gorsaa fi hujiin gargaaruu dabalee waan hedduu waliin hojjachuuf mari’atan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG