WASHINGTON, DC —
Dargaggoonni Oromoo as naannawa magaalaa WASHINGTON DC fi naannawa ishee jiraatan -- hiriira mormii barattoonni Yuniversitiilee fi manneen barnootaa Oromiyaa ka biroo geggeessan deggeruudhaan, Har’a ganama, as Waashington DC ka jiru Embaasii Itiyoophiyaa fuul-duratti hiriira bahanii jiran. Kutaa Chikaagoo, magaalaa Chikaagoo keessatti – akkasumas biyya Briteen - magaalaa London keessattis Har’a Oromoonni hiriirri mormii wal-fakkaataa geggeessanii jiran.
“Ajjeechaan Oromoo Irratti Geggeessamu Haa Dhaabatu!” Jedhu, Oromoonni Yunaayitid Isteetsii fi Briteen Keessatti Hiriira Bahan
- VOA
