Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baraack Obaamaan US Moggaatti Qoodamuun Filannoo miti jedhan


Ameerikaan Addunyaa irraa biyya adda durummaa qadu taatee itti fufti jedhan president obamaan.

President Obaman New Yoorkitti kan argamu Akaadaamii waraanaa west pointti keessa kan eebbifaman miseensota waraanaaf haasaa dhageessisaniin Ameerikaan addunyaa kan hooggantu humna waraanaa akka furmaataatti itti gargaaramuu dhaan ta’uu hin qabu jedhan.

Dhimmi ijoon jedhan president Obamaan Ameerikaan yeroo mara waltajjii addunyaa irratti dursaan qrgamuu qabdi jechuu dhaan ibsa kanneen eebbifamaniif kennaniin waraanni amma isin itti makamuuf jettan lafee dugdaa hooggana sanaa ti jedhan.

Doorsisi naannoo addunyaa kan kallattiin nu hin ilallanne yeroo mudatu garuu rakkoonleen naannoo addunyaa ka biroo balaa keessa buusuuf deemu yeroo sana nu kakaasa, tarkaanfii waraanaa fudhachuuf carraan jirus yeroo sana ol aanaa dha. Haalli akkasii yeroo mudatu qofaa keenya utuu hin taana michoota keenya waliin ta’uu dhaan tarkaanfii waliinii fudhanna jedhan.

Fakkeenyaaf jedhan president Obaman NATOn addunyaa irra gurmuu waraanaa beekamaa ta’uu tuqani nutis michoota Nato waliin ta’uu dhaan shosrokeessummaatti duuluu dhaan biyyoota michoota ta’aniif leenjisa kennuu keessatti hirmaataa jirra jedhan.
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:27 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG