Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyootii Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaati Dabran Dorgommii Biraaziliif Ufi Qopheessumatti Jiran


Dorgommii waancaa kubbaa miilaa bara 2014 biyya 32 Biraazilitti irratti wal dorgoma.
Dorgommii waancaa kubbaa miilaa bara 2014 biyya 32 Biraazilitti irratti wal dorgoma.
​Dorgommii kubbaa waancaa miilaa addunyaa Waxabajjii 12, 2014 Biraazilitti jalqabanii biyyootii dorgommii tanaa dabran wa;ti qophaahumatti jiran.

Biyyootii Afrikaa fulaa bu’anii dorgommii waancaa Afrikaa kanaa Biraazil yaahan Gaanaa,Naayjeriyaa,Aljeeriyaa,Kaameronnii fi Ayvoorii Koosti faan nama biyya alaatii qaban ka akka ilmaan obbo Turee lamaan Koloo fi Yaayyaa Salomon Kalou, Gervinho, Didier Drogba faatti itti dhufa.

Aljeeriyaalleen nama 23n dorgommii kubbaa miilaatii ergatte ya qopheeffatte Biraazililleen akkanuma.Kamerunileen akkanuma nama isii qopheeffattee taatullee namii akka Mohaammad Idrissour barana hin filatamane.

Biraaziliin bara 2002 jalqabdee waancaa kubbaa miilaa hin moohin tun waanca akana moohuuf dheebuu ganna hedduu qabdi,waan miilii isaa biyyaa fi biyyee isii irratti tolchu walumaan ilaalla.

Gama atileetiksiitiin ammoo Itoophiyaa dabalee biyyootii gara garaalleen dorgommii Diamond League ta IAAF qopheessuuf Amerikaa,Eugune fi biyya akka akkaatti dorgommiitti jiran.

Dorgommii metirii 3000 irratti atileetotii Itoophiyaa Soofiaa Aseffa tokkeessoo,Hiwot Ayyaalewu lameessoo fi Iteenesh Diiro ammoo torbeesoso baate.Metirii 800 irratti ammoo Mohaammad Amaan lammeessoo bahe.Dorogmmiin Diamond League tun dorgommii biyyitii hedduun irratti dorgomtuu haga Fulbaan dhuftuu turti biyya 14tti irratti dorgomuutti jiran

Luiz Felipe leenjisaan garee kubbaa Birazilillee warra biyya isaa fulaa bu’ee taphatu 23 filatee waan jarii tolchu eegachuutti jira.Iftaan kilabootii NY RenjersiI fi Los Angeles Kingsitti waliin taphata.

Dorgommii metirii 3000 irratti atileetotii Itoophiyaa Soofiaa Aseffa tokkeessoo,Hiwot Ayyaalewu lameessoo fi Iteenesh Diiro ammoo torbeesoso baate.

Metirii 800 irratti ammoo Mohaammad Amaan lammeessoo bahe.Dorogmmiin Diamond League tun dorgommii biyyitii hedduun irratti dorgomtuu haga Fulbaana dhuftuu turti biyya 14tti irratti dorgomuutti jiran.

Amerikaa gama Kaabaatti ammoo yoo dorgommiin Hockey,afaan keennaan qillee jennuun dhumachuutti jirtii abbaan moohe waancaa Stanley CUP kennaniif.
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:31 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG