Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perzdaantiin Amerikaa Imaltuuf Awurooppaa Jiraa Addunyaan Warra Walabummaa Ufii Barbaadu Waliin Dhaabachuu Malte Jedha


Per.Obaamaan imaltu tana irratti akka addunyaan biyya akka Ukrain fa gargaaran gaafate
Per.Obaamaan imaltu tana irratti akka addunyaan biyya akka Ukrain fa gargaaran gaafate
Obaamaan ganna 25essoo Poolandi mootummaa Kooministii ufi irraa gara galachitee fi rakkoo Yukreeyin wal bira qabee laalee tana dubbate.

Perzdaanti Obaamaan dubbii magaalaa Waarsootti dubbate keessatti barii 1989 sun guyyaa bilisummaa jaabaa hunda qabuu jedhe.

Biyyootii walabooman ammoo mala Raashiyaan Yukreeyin irraa godina CRIEMA fudahttee lafa itti dukaneesiteen irratti qabsaashuu malanii jedhe.

“Biyyootii gugurdoon biyyoota didiqqoo gooyyeessanii doorsisuu hin malle,waan fedhan afaan qawweetiin gaafachaa warra fuula gonofatee humnaan waajjira mootummaatti baafatee lafa nama irraa fudahtuun tahuu hin malle.”

Perzdaanti Obaamaan imaltuu isaatti nama perzdaanti Ukrianif filatan Petro Poroshenkon walti dhufee akka wraanii mootummaa sunii mi’a waraanaan milishoota Raashiyaatiin ufi irraa dhowwu qabaatu gargaarsa doolara miliyoona shanii mallatteesseef.

Obaamaan imaltuu Poolandi Waarsoo fixannaan bori bulchoota dureeyyii addunyaan 7n waliin Brusselsitti koratan walilleen waan hedduu irratti mari'ata.Itti aansee guyyaa waraana Naazii itti moohahme,qophii D-DAY dhaqa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG