Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Goolii Dhibbaa Olitti Galee,Uragaay Xaliyaana 1-0 Mootee Dorgommii Keessaa Galchite


uragaay Xaliyaana 1-0 mootee dorgommii addunyaa keessaa galchite
uragaay Xaliyaana 1-0 mootee dorgommii addunyaa keessaa galchite
uragaay Xaliyaana 1-0 mootee dorgommii addunyaa keessaa galchite
uragaay Xaliyaana 1-0 mootee dorgommii addunyaa keessaa galchite


Mee qophii tanallee caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:32 0:00
Xurree marsariitii

Dorgommii kubbaa miilaa addunyaa 14essoo amma Biraazilitti itti jiran tana eegii jalqabanii amma guyyaa 12eesso keess jiran, gooli dhibbaa olitti gale.

Hardha biyya 8tti taphatee Uragaay Xaliyaana 1-0 mootee dorgommii keessaa galchite. Kostarikaa fi Ingilaandi 0-0 walqixxee bahanii.Kostarikaan duruu qabxii torba qabdii ya gara biyya 16n walti hafaniitti dabarte.Ingilaandi tapha isii sadeen fixattee moohamtee keessaa galuuf ya xaxatte.

Dorgommii biyyitii 32 jalqabde tana biyya 16tti walti hafa.Akka seera FIFA-tti biyyitii cuftii moohamuu baatullee tapha sadi sadii taphatti.Hardha biyya lamatti biyya 16n walti hafan tahuuf yaaha.Garee C keessaa Kolombiyaan ta duruu biyya 16 tana keessaa tokko tahuu isi mirkanfatte Jappaan waliin taphatti.Iovary Kostilleen Greece moote biyya 16n tana keessaa tokko tahuun mirkana.

Giriisii fi Jappaan biyya 16n tana tahuuf moohuu malan.Tapha kaleetti ammoo Biraazil, Meksikoo,Chiilee fi Nezealdni qaata qabxii tuulatanii kalee biyya 16n dabaran keessaa tokko tahan.Tapha kalee irratti Biraazil Cameroon 4-1 garafate walumattu qabxii 7 tuulatte. Meksikoolleen Kirooshiyaa 3-1 dhaantee baafte.

Biyya Afrikaa shanan dorgommii tanaa dabaran keessa kameroon maqaa hamaan dorgommii baate. Afrikaa keessaa hardha Ivory Coast, Ayvoorii Kosotii fi Giriisitti waliin taphata.Jarii lachuu tapha isanii ka biyya 16 walti hafan keessaa fialtan hardha fixata.Namu moohachuuf taphata.

Tapha Ayvoori Koostiif Ilmaan Turee lamaan hinamuma tapahtan.Jari kun obboleessi isaanii Ibraahim Turee londonitti irraa lubbu dhabullee tapha kana biraa hin yaane.

Wal dorgommmiin kubba miilaa ta baranaa waan dubbataniin heddu qabdi.Akka Hayiluu Kitaabaa Noorweey irraa jedhetti taphattooti bebeekamoon goolii gooli galchuu dadhabuu,biyyooti dorgommii tanaan beekaman dafanii dorgommi keessaa bahuu fi amala-dhabu Kaameroon dabalee barana waan hedudutti nama ajaahibsisa.

Akka Saladdiin Mohaammad MN irraa jedhetti ammoo dadneetti kubbaa miilaa Awurooppaa irraa waan gara Laatin Amerikaatti jijjiiramuutti jritu fakkaatti.
Isan maan jettan?

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG