Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biraazil,Jermen,Nezerlandiifi Arjentiinaan Walti Falachuutti Jiran,Biraazil Neymarii fi Silvaa Dhabuun Hagam Miidhamti?


Guyyaa jahatti hafee biyyya 4tti walti hafe.Afur qofa,afran mucha saayyaa.Biyya jahatti walti hafe warrii walti hafe walti qophaahuutti jira.

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa biyyitii 32 jalqaban taan warri maqaa akka nyeecaa,geedalaa,risaa,sheexanaa didiimaa, geedala gammoojjii,risaa ciwwisaa,nyeenca namaa hin hille,a'arba fi warrii kilabii ufiitii maqaa akka akkaa baase 28 keessaa gale amma afur qofatti walti hafe.

Dorgommiin sanbata kana dhumattii biyyooti walti hafan afran walti qophaahuutti jiran.Biraazilii fi Jermeniin,Nezerlaandii fi Arjentiinaan bori waliin taphatan.

Taphataan Kubbaa miilaa Biraazil beekamaan Neymar da Silva Santos,Neymaar tapha irratti cinaachii caphee wasaasan fuudhani dorgmmi keessaa bahe kaan ya biyya isaatti deebihe wallaanchuutti jira,Biraazil isa malee moohachuu dandeeti re.

Tahiga Silvaalleen tapha dheengaddaa irraa waan adabameef ta isaalleen taphatti deebihee Biraazilii taphachuun dhiba taati.Taatullee Biraazil akka dhiyoo tapha taphachaa deemtu kanatti ammallee waan hedudu irraa eegan.

Dorgommii kubbaa miilaa baraa haga ammaatti goolii 159 gale nama kuam hedduutti bahee daawwachuutti jira dorgommiin baranaa akkam akkam?

Waancaa Addunyaa ka baranaa eennutti galataan seetan,Awurooppaa moo Laatin Amerikaa?

Biyyooti Laatin Amerikaa duruu yoo dorgommii waancaa addunyaa qopheessan ufumaa moohan.Jarii afran walti hafe kun dorgmmii waancaa adudnyaa tanaa dabaruuf garee waliin dorgome keessaa tokkolleen hin moohamne.

Biraazil dorgommii biyyaa fi biyyee isii irratti qopheessitee doolara biliyoona 10tti dhiyaattu itti baafte kana ufumana moohachuu feeti.

Woma taateefuu fardilleen kanaa kooraalleen kanaan bari jalqabdi warri bori wal moohee sadakraa lammessoo fi sadeesoof walti dabra.Warri lamaan walti hafe Sannbata itti yaanu waancaa taphata.

Taphataan Arjentiinaa beekamaan Angel Di Maria tapha dhiyoo irratti miilii miidhamee tapha boriitti waan deebihu dandahu hin fakkaatuDoktorootii Di Mariaalleen dhibii luqqeettii Maira kun tapha bori biyyitii isaa Nezeraldandi waliin qabdulleetti hin deebisu jedhan.

Teenisi

Taphataan Teenisi Dirree Addunyaan beekamaan ka biyya Serbiyaa Noovak Jokoovich dorgommii Teenisi UK magaalaa Wimbledtonitti taphatan irratti taphataa biyya Swiss Roger Federer moohee tanaan lammeeffachoo jedhee addunyaa irratti tokkeessoo tahe.Namii kun tana waliin waliin dorgommii Wimbeldon tana marroo lama moohe.

Namii Jokoovich moohe kun nama marro 7 dorgommii akkanaa moohate.Noovak moohee irraa bahee jennaan qaraa marra dotii irra gadi jedhee kutatee imimmaan xuruurratee, nama waliin tapahte galateeffatee, gammachuu tana niitii tiyyaa fi ilmaan tiyya ta egeriiti fi maati tiyyaa oli kaaha jedhee warra isa gargaare leenjisa isaatii fi hedduulleen galateeffatee badhaasa qophaaheef doolara miliyoona 200 dhiyaattu fudahte.

Tanaafuu taphataan Teenisi Addunyaa ka qaraa Novak Jokovich, lammeessoon Roger Freder,sadeessoon ammoo Rafael Nadal.

Dorgommiin Wimbledon tun dorgommii Teenisi addunyaa bebeekmatuu keessaa tokko.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG