Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Mirga Gaazexeessitotaa Falamtu, CPJ Gaazexeessonnii Oromiyaa Huji Irraa Hari’an Sodaan Jiraatan Jechuun Gabaase


CPJ,Koree Mirga Gaazexeessitota Adduyaaf falamtu
CPJ,Koree Mirga Gaazexeessitota Adduyaaf falamtu

CPJ-n gabaasa baste keessati akka gaazexeessonni Dhaaba Raadiyoo fi TV Oromiyaa hujii irraa dhaababam soaa keessa akka jiran gabaase.

Akka baka bu’aan CPJ damee Afrikaa Bahaa jedhetti‘akka nu yaadnu yaaduu baannaan si hidhanii ykn waan siin hidhan sirratti barbaadan.

Gaazexeessitota hujii irraa dhaaban hin himnee xalyaa hujin irraa dhaabanillee itti hin kennine.Tom Rhode itti gaafatmaa CPJ damee Afirkaa Bahaati akkana jedhe.

“Kun waan nama yaaddessaati maal jennaan dhaabii RTOO kun abbaa barbaade hujii irraa hari’a.Nama 20 harihuun kun waan nama rifachiisaati.Hagii tokko bara hedduu hojjate.Ummata bal’an Oromoo kun oduu eessaa argata.”

Akka gaazexeessitonnii CPJ jedhanitti miseensoti mootummaa gugurdoo ka akka Obbo Bereket Simooni fi daarektera Faana obboo Woldu Yimsel faan gaazexeessitota ogummaa isaantiin osoo hin tahin ilaalcha qalbii siyaasaa isaanii gama tokkotti jallisuuf jedha gabaasni CPJ.

Gaazexeessitotaa fi hojjattoota 180 bakka 12 qoodanii kaadiree lama lamaan qoratan. Waan dansaa mootummaan hojjate jabeesitanii hin hojjanne fa jedhan jedhan.

CPJn gaazexeessitotii kun hidhaa ufuma irratti eegachaa jiraatan.CPJ Afrikaa keessaa biyyiti gaazexeessiota hedudun hidhmuun Eertiraa tokkoffaa,lammaffaan Itiyoophiyaan lammata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG