Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Maqaa Shororkeessummaan Doorsisamuun Qabsoo Karaa Nagaa irraa Nu Hin Deebisu’


Mootummaan Ihaadeg rakkoo dimookiraasii biyyattii keessaa karaa nagaa furuun karaa itti danda’amu marii biyyoolessaaf balbala banuu irra mormitootatti maqaa shororkeessummaa moggaasee hidhuu, doorsisuu fi gidirsuun qabsoo karaa nagaa boodatti deebisuu hin danda’u, jechuudhaan gamtaan paartiilee mormitootaa Medrek ibsa baasee jira.

Barreessaan ol’aanaan paartichaa, Obbo Gabruu Gabre-mariyaam akka jedhanitti, hoogganoonni, miseensonnii fi deggertoonni gamtaa isaanii, keessumaa Oromiyaa fi Tigiraay keessatti hedduun hidhamanii jiran. Oromiyaa keessatti karoora magaalaa Finfinnee dantaa Oromiyaa dhabsiisa, jedhan mormuudhaan barattoota hiriira nagaa bahan irratti tarkaanfii ajjeechaa fi hidhaa fudhatamee ala gaazzexeessota mootummaa dhugaa jiru gabaasuu yaalan irratti tarkaanfiin fudhatamuu isaa illee dubbatu, Obbo Gabruun. Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa. Marsariitiin keenya kan irraa nu dhaggeeffachuu dandeessan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:33 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG