Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Maccaa fi Tuulamaa Hundeeffama Isaa Waggaa 50ffaa Ayyaaneffacchuuf jedha


Waldaan Wal-gargaarsa Oromoo angafichi, Waldaan Muccaa Tuulamaa kan itti hundeeffame - waggaan shantamaffaan, Hagayya 1, bara 2014 as Yunaayitid Isteets, Waashington DC keessatti ayyaaneffamuuf qophii guddaa tu geggeeffamaa jira.

Kan akka “affiliate” yokaan deggeraa jaarmayicha hundee biyya jiruutti as Waashington DC keessatti hundeessame dhaaba “Maccaa-Tuulamaa USA, INC” jedhamu tu ayyaana yaadannoo waggaa shantamaffaa dhaabichaa qindeessaa jira. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa Itiyoophiyaa keessatti socho’uu kan isa dandeessisu ehamni isaa waan haaressamuuf dhabeef, dhaabni biyya alaa jiru kun ammaaf hojiiwwan dhaabichi hojjechuu male hojjetaa jira. Gara fuul-duraatti, ennaa dhaabichi biyya keessatti eyyama argatee hojjetu immoo, deggeraa isaa ta’uudhaan gargaarsa kennaaf, jedhu miseensi Boordii Macaa-Tuulamaa USA, INC. Obbo Abarraa Tafarraa.\

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:53 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG