WASHINGTON,DC —
Waldaan kun bara 1960 keessa hujii jalqabe.Wannii innii hujii jalqabeef akka perzdaantiin waldaa kanaa obboo Dirribi Demisee jedhutti ummata wal barsiisuu,waan ufii wal irraa barachuu, rakkoo ufii waliin dubbachuu fi waan qaban walti dabalachuu.
Gaafa ganna 50essoo isaa Amerikaa Washington DC-ti ulfeessani nama hedduutti biyya alaa gara garaatii dhufee waan waldaan kun keessa bahe,itti deemuu fi itti jiru wal barsiise.
‘Ganna 50 geennee shantamaan itti aanutti hagana caalaa ballannee waan qamnu addunyaan geenna,' jedhee nagaa walti dhaamatee wal irra gale warri guyyaa kanaa dhufe.