WASHINGTON, DC —
Barreeffama kanaa kitaabota kanneen biraattii adda kan godhu kan inni barreeffame nama tokkoon utuu hin taane barattoota koree gumii kanaa keessa jiraniin ta’uu isaa ti.
Kitaabonni kun mata dureelee adda addaa kan of keessaa qaban si’a ta’u seenaa fi aadaa abboonni keenya wareegama baasuun ol nuu kaa’anii darban dhaloonni itti aanu attamiin dagaagsuun dirqama isaa ba’aa jira qabiyyee jedhu kan of keessatti kan qabu ta’uu Itti gaafatamaan gumii kanaa barataa Mo’ataa Yaadatee ibsee jira.
Yaada kitaaba gareen barreeffamee kanaa attamiin walitti fiduun danda’ame? Kitaaba kana barreessuuf maal bu’uurfattan isa jedhuuf gaaffilee ka biroo illee itti gaafatamaan gumii kanaa barata Mo’atan ibssra.