Xurree ittiin seenan

Breaking News

Golli Naga eegumsaa Wixinee murtii kan garee shorokeessotaatti duuluu dandeessisu raggaasise


Biyyootiin ISIL fi gareelee shorokeessotaatti makamuuf sochii namoota deemanii ugguruuf ykn immoo qaawwaa isaan ittiin ba’an akka dhiphhisan kan godhu murtii cimaa ture kan kaleessa darbe.

Ba’iin sagalee kennamee jedhan presizidaant Obaamaan Wixineen murtii sun sagalee deggersaa 15 argate. wixineen murtii sun “murtii 2178/bara 2014 jedhamuun sagalee guutuun raggaasisamee jira jedhan.

Wal ga’icha kan waaman akka biyyootaa fi akka hawaasa addunyaatti mul’inatti kan argamuu fi guddataa kan adeeme biyyootii kanneen biroo keessa kan jiru yaaddoo loltoonni shorokeessumman uuman wal ta’anii dura dhaabbachuuf akka ta’e presidentichi ibsaniiru.

Mariin addaa gola naga eegumsaa kan akkasii kanan waameef jedhan presidentichi

Wal ga’ii kana kan ani waamneef dhimma nagaa fi nageenyaaf sodaachisaa ta’e beeksisuuf jecha. Dhaaboliin keenya kan basaasaa akka tilmaamanitti waggoota dhiyoo keessa loltoota biyyootii alaa kuma 15 kanneen biyyoota 80 irraa ta’antu gara Syriatti imalan jedhan Obaamaan.

Heedduun isaanii dhaabolii shororkeessotaa kanneen hidhata al-Qaida qaban kan akka garee NUSRA fi ISILtti makaman. Kanneen kunis uummata Iraq fi Syriaaf sodaachisoo dha.

Muummichi minsteeraa Iraq Abadiin asitti argamuu isaaniif nan galateeffadha. Giddu galeessa bahaa fi naannolee ka biroo keessatti shororkeessitoonni kun walitti bu’iinsa kakaasaa jiru. Akkuma argaa jirru biyya dhaloota isaaniitti deebi’anii haleellaa lubbuu galaafatu geggeessuuf yaalaa jiran.
Kanaafis jedhan presidentichi ol aantummaa seeraa kan qabu murtiin seena qabeessi kun biyyootiin loltoota shororkeessotaa ijaaruu, deddeebisuu, hidhachiisuu, maallaqaan gargaaruu ittisuuf humna isanaii dadhabsiisuuf akkasumas imalaa fi sochii isaanii dhaabsisuuf shorokeessitoonni ykn gareeleen shororkeessotaa daangaa isaanii qaxxaamuranii akka hin darbine ittisuu, kanneen karaa qabiyyee isaanii darbuuf yaalan fuula murtiitti seera dhiyeessu qopheessuuf walii galaniiru.

Muummicha ministeera Itiyoopiyaa
Muummicha ministeera Itiyoopiyaa

Gama biraan immoo President Obaman Itiyoopiyaan Afriikaa keessaaa bakka ifaa jirtu ykn mul’ataa adeemaa jirtu keessaa ennaa taatu kanneen dinagdeen isaanii hatattamaan guddataa jiran keessaa tokko jedhan.

Biyyi yeroo tokko uummata ishee nyaachisuu dadhabde yeroo dhiyootti nyaataa fi humna ibsaa gara biyyootii alaatti erguu jalqabdi, galatni kan sagantaa humna ibsaa Afriikaa haa ta’u malee jedhan presidentichi.

Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Haayilemaariyaam Dessaalenyis gama isaaniin yeroo ko’oommatanii jiran kanatti nu waliin wal arguu keessaniif nan galateeffadha jedhan. Hariiroo Irtiyoopiyaa fi US gidduu jiruuf kabajaa qabna. Akkuma isinuu jettan biyyi koo jijjiirama dinagdee agarsiisaa jirti. Fuula durtti tarkaanfachuuf deggersi US qabdu guddaa dha jedhaniiru.

Guddina keenyaaf dandeettiin humna nama barbaachisaa dha. Ameerikaan sagantaa eegumsa fayyaa kan akka fuula duraatti tarkaanfannu nu godhu keessatti nu gargaartee jirti.

Muummichi ministeeraa H/Mariam itti dabaluu dhaan investeroota qonnaa kan US hedduu biyya ofii keessaa kan qaban ta’uu isaaniif kunis guddina dinagdee keenyaaf bu’uura jedhanii jiran.

Nagaa fi tasgabbiin misooma gosa isa kamiifuu barbaachisaa akka ta’e beekuu dhaan hirmaannaan keenya gama kanaan wal ta’iinsi nuti agarsiisne nageenya naannoo sanaaf gumaacheera jedhan.

Gabaasa Guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:53 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG