Xurree ittiin seenan

Breaking News

Li’oneel Meesii Goolii 401Galchee,Atileetiin Keenyaa Denis Kimeto Maratoonii km 42 Irratti Rekordi Haaraa Cabse


Li'onel Meessii tapha 506 keessatti goolii 401 galche. Warri isa jaalatu maqaa hedduun yaama. Messidona, La Pulga,El Captain Pulga...
Li'onel Meessii tapha 506 keessatti goolii 401 galche. Warri isa jaalatu maqaa hedduun yaama. Messidona, La Pulga,El Captain Pulga...

Gaazexeessitotii "El Capitan Pulga" diqqaa barrisaa ,namii biyya isa maqaa Maradoonaatiin wal fakkeessee Messidona, kaan ammoo diqqeenna isaa laalee afaan isaaniitiin "La Pulga",jedhaan warrii tapha daawwatu ammoo hayyuu keenna(maestro) jedhaan kaan ammoo diqqeenna isaa laalee (The Little maestro) fa jedhan.Taphataa kubbaa miilaa Barseloonaa namu maqaa akka akkaatiin yaammata.

Lionel Andrés Messi Cuccittini(Messi) dheeraa mataa luucaati, metirii 1.69 dheerata, Rosariyo, Santa Fe, Argentina dhalate lakkofosa 10 keeyyatee kia\labii La Liga Barseloonaa dura taphata. Tapha jalqabaa kilabii Atlético Newell's Old Boys jedhan ta Arjentiinaa magaalaa Rosariyo, Santa Fe jirtu bara 1995 keessa taphate achumaan dorgommii addunyaatti dabre.

Tapha 506 keessatti goolii 401 galfatee addunyaa keessaa tokkeessoo tahe.Guddoo gammadee jedha.Tokko jedhee jalqabee oofuma oofee goolii 401 gahate.Kilabiin Meesii,Barseloonaan nama kanaa gannatti mindaa doolara kuma 50 kenniti.

“Takkuma goolii hagana geettu galfadhaa jedhee qalbii keessa na hin murre,guddoo gammadee ammallee tana caaluuf taphadha.”

Meesiin nama ganna 27, marro afur taphataa kubbaa miilaa beekamaa jedhamee badhaafame.

Goolii 401 yoo guyyaa dheengaddaa gareen isaa kialbii Garanda LA 6-0 awwaara itti qotte moote gooliin isaalleen 400 caalteef.

Kilabiin Barseloonaa maqaa Meesiitiin marroo 21 moote.Meesiin marroo afur badhaasa Ballon d'Ors, badhaasa nama kubbaa miilaatiin addunyaa keesatti beekamu kennan.

Atileetiin Keenyaa Dennis Kimetto maratoonii km 42 saatii 2:2:57 fiigee moohee addunyaa keessaa tokkeessoo tahe.

Dennis Kipretto Kimetto nama ganna 30ti,Keenyaa Eldoretti dhalatee miila atileetota Keenyaa ka akka Geoffry Muttahi jalatti isaa laalee ispoortiin guddate. Bara 2011 keessa maratoonii Naayroobii fiigee moohee achumana addunyaatti oli bahe.Atileetotii Keenyaa

Dorgommii waancaa Kubbaa miilaa Afrikaa ganna dhufuu biyya 16 keessaa filan itti jiranii Itoophiyaan garee isii keessaa qabxi hin qabduu torbaan lamaan duubatti Maaliin waliin taphatti.

Atileetotii Keenyaa ganna afur keessatti tana waliin marroo afur rekordii cabsan. Afranuu Berlin,Germenii keessa. Kimettoon rekordii Kipsang cabse,Patrik Makau ammoo bara 2011 keessa 2:03:38 moohe

Atileetiin Itoophiyaan dorgommii tana keessaa jiru Abera kumaa sadeessoo bahe.

Atileetotii dubraa Itoophiyaa Maratoonii Berlin, irratti 1-2 bahan.

Tokkeessoon Tirfee Tseggaayee km 42 saatii 2:20:18, Fayyisee Taaddesee 2:20:27 lammeessoo,sadeessoon ammoo atileetii Amerikaa Shalanee Flanagan sadeessoo 2:21:14.

Dorgommii baseball Amerikaa ta baranaa garee Washington,DC Washington National jedhanitti mooohe.

Baseball,dorgommii Amerikaatti guddoo jaalatan.USA marroo afur dorgommii tana addunyaa keessatti moote. Gareen Baseball Amerikaa gama Kaabaa,USA fi Kanadaa waluyamttuu kilabii 30 qaban.USA kialbii 29 Kanaadaan ammoo kilabii tokko qabdi.

Gareen baseball Amerikaatti Chaampiyoonaan beekamtuu Boston Red Sox marroo afur badhaasa argatte badhasa chaampiyoonaa gadii argachuun beekamtuu ammoo garee NY ta Yankees jedhan.Marroo 27 badhaafmate.Dorgommii bara kanaa garee Washington,DC Washington Nationalsitti moohe.

Dorgommii tana taphataa Nationals Jordan Zimermanitti kialbii National akka isiin kialbii Kardinal 1-0 mootu tolche.Tapha diviziyoonaa Liigii biyyolessaa Baseball ammoo Jimaata dhufu jalqaba.

Itoophiyaa fi Maaliin torbaan lamaan duubatti dorgommii waancaa Afrikaatii dabruuf waliin taphatan

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa ganna dhufu Morookotti taphatan biyya 16i filatama.Afrikaan biyyoo tana keessaa tokkoo tahuuf namuu dorgommiitti jira.Dorgommii ganna dhufuu Ammaji 17 haga Gurrandhalaa 16 dhumatti.Fulaa afuritti qoodanii taphatan.Itoophiyaan garee keessa jirtu duuba jirtii torbaan lamaan duubatti Maalii waliin taphatti.

Dorgommii Golf addunyaa ta baranaa Awurooppaatti waancaan galate.

Dorgommiin Golf dorgommii kubbaa kukkuumittti diqqoo tokko ulee qopnyittiin dhahanii boolaa dhiphoo tokko keessa buusan.Lafa dotii irratti taphatanii yoo hedduu nama lamatti waliin taphata.Ameirkaa keessaa Tiger Wooditti akkana taphaan beekama.Dorogmmii doolara miliyoona hedduu qabdu.

Waancaa Golf sadarkaa addunyaatti kennamu Ryder Golf jedhan.Barana marroo 40essoo taphatan.Dorgommii baranaa ka waancaa Ryder Cup jedhan itti kennan Scoltand magaalaa Glenagles keesatti taphatan.

Drogommii tana guyyaa lama taphanii Fulbaan 28 fixan. Namii Awurooppaa taphate Paul McGinley ka Amerikaa taphate Tom Watson.Awurooppaatti namicha Amerikaa 16. 5 moohee badhaasaan galate.Amerikaan ammoo qabxii 11. 5 argate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG