Xurree ittiin seenan

Breaking News

DHIMMA DHUKAASA EMBAASII ITIYOOPHIYAA KA WAASHINGTEN DC IRRAA DHAGA’AMEE


Wixata dabre kana Embaasi Itiyoophiyaa Waashington jiru keessatti haala uumame ilaalchisee dhimmoonni xumura hin argatiin ni jiran.

Dubbi himaan tajaajiila Tika nagaa kan yunaaytiid steetes Brian Leary har’a bilbilaan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf yaada kennaniin dhimmi kun guutummaatti waajiira abbaa alangaa mummichaa kan waashingtoon Dii siin qabatee jira jedhan.

Nama wiixata darbe dhukaasee jedhame kan ilaaleen Braayaan VOA..f I meelii erganiin ‘to’annaa jala ooleera ‘ isa jedhu hiika seeraan yeroo ilaalluu ‘embaasii keessaa ba’u hin danda’uu isa jedhu gidduu akkaataa jechootaan garaaramuu kan ilaaleen adda addummaa qaba jedhan. Kanaaf jecha ibsii duraan Gazexxesootaaf kennanii turan ija kanaan ilaalanii ta’u Imeelii isaaniin ibsanii jiru.

Oduu akleessa dhagesiifne irratti garu waajiiruma wal fakkaataa keessaa Miss Nikol Meeyneer I meelii nu erganiin namnii dhukaase suun gonkumaa to’annaa jala hin oollee jechuun isaanii jecha isaan har’a ergan waliin kan wal mormu ta’u kan ibsan Brayaan Leerii jechoota koon gargaaramuu dhisuu irraa kan hafe jechii Nikool meeyneer ija seeraan yeroo ilaalamuu dogoggora miti jedhan.

Dhuma irrattis waajiira tokko jala ituu jirruu lamaan keenya giddutti ibsii wal falleessaan kennameef waan dhugaa jiru irraa ka’e akka biraatti ibsamee waan ta’eef itti gaafatama isaa nan fudhaa jedhan. Embaasii Itiyoophiyaa washington keessa jiruuf Ambaasaaddara kan ta’an Obbo Girmaa Birruu Raadiyoo Fanaaf ibsa kennaniin,

“Naannoo Embaasii sanaatti hiriira geggeessuuf seeraan wanni waamame hin jiru ture. Walakkeessa guyyaa irra namoonni kudhanii haga kudha-shanii ta’an, kutaa Embaasichaa ka tajaajila Qoonsilaa kennu seenanii -- “Ambaasaddarichi eessa jira. Ni barbaadna, jechuun jechoota gurratti ulfaatan itti dabalanii waan dubbataa turaniif -- Hojjetoonni Embaasichaa -- “Ambaasaddaricha argachuu ka dandeessan sagantaa qabatanii waan ta’eef sagantaa qabadhaa kottaa” ittiin jedhan. Sana booda arrabsanii ba’uudhaan alaanaa buusuuf yaalii godhan. Yeroo sanatti namni Naga-eegumsa Embaasii irraa ta’e ba’ee akka isaan kana hin goone -- hojjetoonnis waan seeraa-alaa kana akka hin hojjenne gochuuf hojii of irraa ittisaa geggeessan. Namoonni kun kana gochuu eega jalqabanii daqiiqa sadi’ii hanga shaniitti Humnoonni naga-eegumsaa Ameerikaa waamamanii dhufan. Sana booda, kanneen gochaa kana raaw’atan yeroo sa’atii tokko ta’uuf to’atanii eenyummaa isaanii baranii, adda-bafatanii teessoo isaanii fudhatanii gad-dhiisan.

Guyyaa guutuu haala achi jiru qulqulleeffataa turanii, waaree dhaa booda sa’aa sa’a shanitti (akka Itiyoophiyaatti 11tti) yeroo dhihuuf jedhu naannoo sana hojiif banaa godhanii jiran - jedhan, Ambasaddar Girmaa Biruu.

Gama biraan - Mootummaan Itiyoophiyaa Har’a, dhimmoota adda addaa irratti gaazzexeessota biyya keessaaf ibsa kennee ture. Gaaffiin duraa fi inni ijoon dhihaateef garuu, waa’ee dhukaasa WIXATA dabre Embaasii Itiyoophiyaa ka Waashington DC jiru irraa dhaga’amee ture. Garuu, kana irratti ragaa argachuun hin danda’amne. Kan Itiyoophiyaa keessatti maxxansame - gaazzexaan REPORTER - jedhamus, waa’ee kanaa Afaan Amaaraan maxxansee ture.

“Mormitoonni DIASPORA yokaan biyya alaa jiraatan Embaasii Itiyoophiyaa Fafeessan” - jedha - mata-dureen isaa. Mormitoonni hagi xiqqoon WIXATA dabre, Embaasii Itiyoophiyaa keessa akkauma galanitti -- sababaa sanaan dhukaasni banamee, poolisiin mooraa sana marsuu isaa, mormitoonni alaabaa Itiyoophiyaa seerawaa buusanii, alaabaa durii akka fannisan, qondaalli naga-eegumsaa Embaasichaa - mormitoonni sun akka ba’an eega akeekkachiisee booda dhukaasuu isaa, booda immoo -- qondaalonni tika nagaa Yunaayitid Isteets - qondaala dhukaase sana qorannoof gara moggaatti fudhachuu isaanii fi battaluma akka gad-lakkisan ibsee jira.

Dubbi-himaan Ministirii Dhimma alaa Itiyoophiyaa - Obbo Diinaa Muftii -- “dhimmi isaa qoratamaa jira” - jechuun gaazzexeessotaaf ibsuu isaaniis dubbatee jira - gaazzexichi.

Gabaasa Guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:46 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG