Bara 1989 keessa yaada namii diqqaan yuniversitii Amerikaa beekamtuu, George Washington keessatti walti dhufee marii taahee, yaadi kaan baballatee nama hedduu gahee hujii jalqabee,deemuma deemee ganna 25 gahe.
Hawaasii Oromoo Waashinigton DC,MD fi VA Onkololeessa 12,2014 keessummoota dhibba hedduu yaammatee ganna huji itti jalqabe ulfeeffate.
Akka bulchootii waldaa kanaa jedhanitti gannii 25essoon kun rakkoo fi gammachuu keessa bahee asi gahe dubbatee,waan amma itti jiru agarsiisee,waan itti deemu ummataan wal mari’achuuf ganna kana ulfeeffate.
Waldaan bara 1989 keessa namii Oromoo beekamaan tokko lubbu dhabee jennaan akka hawaasatti walti dhufnee waan keenna qabaachuu mallee jedhee huji jalqabe jedhan kun amma mana ufii DC keessaa DC keessaa karaa Georgia irraa qaba. Hawaasa Oromo 6212 3rd Street, N.W, Washington DC, 20011 irraa jira.
Waldaan kun eegii hujii jalqabee human jabeeffateen duubatti mana bitatee, nama Oromoo Amerikaa dhufu komputera barsiisuu, odeeffannoo biyya dhufanii fi leenjii akka akkaa kennuu fi waan hedduu hojjate jedhan.
Karoorii hawaasa Oromoo ka itti aanu miseensa hedduu dabalachuu dhiphuu fi bal’inna Oromoo addunyaatti himuu,akka afaan Oromoo DC-tti afaan hujii tahan mootummaa DC gaafachuu fi kkf jedhan.
Maanguddootii hawaasa Oromoo ganna 25 duratti yayyaban jedhanii galateeffaman; obboo Teshoomee Tarreessaa ,Obboo Mitikkuu Firrisaa,obbo Ismaahel Kormee,Major.,Abbebee G/Maariyam,obboo Tarreessaa Jaalataa, Obboo Tarrafaa Qadiidaa,obboo Mohaammad Abdoo fi nama hedduu.