Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Fardoo Amerikaa DC-tti dorgoman Nama New Yorkitti Moo'ee,Atileetoti Itoophiyaa, Maratoonii Addunyaa Moo’umatti Jiran


Dorgommii Fardoo addunyaa dhiyoo tanaa DC-tti dorgoman Makneel Warditti moo'ee doolara kuma 125 badhaafame
Dorgommii Fardoo addunyaa dhiyoo tanaa DC-tti dorgoman Makneel Warditti moo'ee doolara kuma 125 badhaafame

Amerikaa Waashingiton DC,istaadiyoomii Verizon Center jedhanitti dhiyoo tana fardoo fi teettoo fardaa bebeekamuutti dorgommi muka kutan ta International Horse Show jedhaniif walti dhufe.

Onkololeessa 21-26,2014 teettoo fardoo Amerikaan,farada qolchaa addunyaa bebeekamootti dorgommii International Horse Show jedhan 56essoo irratti wal dogomuuf istaadiyoomii Verizon Center jedhanitti walti dhufee dorgmuuf awwaaraa kaasaa bahe.

Fardoo adamoo,fardoo muka kutuun beekaman fi fardoo ijoolleen didqqoon mukaan kutanilleen keessuma jira.

Dorgommii tana Makleyin Wardi nama ganna 39,duruu marroo 44 Amerikaa fulaa bu’ee dorgommi akka akkaa deemetti NY dhufee moohe.

Fardoo tana lafa haga metiri 100 irra muka dagalee sadii qabu wal irra naqanii dorgoman.Mukkeen wal duraaa duuba,mirgaa bitaa dhaaban.Fardii tokko muka dagalee 15 kuta.Daqiiqaa tokko gaditti yoo maree fixe cufa kute qabxii dansaa argata.Mukii hagii tokkoo ejjata 5-9 fa gargar fagaata.Fardii tokko muka dagalee 15 keessaa yoo tokko ittti gufate buuse qabxii 4 irraa kutan.

Dorgommii maqaa perzdaantiin kennan tan Maakneelitti moohee doolara kuma 125 argate.Namii kun Olompikii Greecee fi Beejingitti warqii badhaafame.Baranallee isatti muka haga metiri lama tahu kutee moohe.

Warra dorgommi ijoollee moohe keessaa tokko intala ganna 12 Alex Carloozii guddoo gammadee fardi kiyya kun farda ajaahibaa ka waan mamaa hojjatu jettee frdaa irra buutee mataa fardaa isaa qaqqabachaa faarsite. Dorgommiin WDC tun 56essoo.

Kilabootii Amerikaa lamaan waancaa Baseball jedhanii walti hafan ta Sanfiraansikoo, Giyaantisii fi ta Kansas City,Rooyalsi Onkololeessa 29,20014 taphatan
Kilabootii Amerikaa lamaan waancaa Baseball jedhanii walti hafan ta Sanfiraansikoo, Giyaantisii fi ta Kansas City,Rooyalsi Onkololeessa 29,20014 taphatan

Kilabootii Dorgommii Baseball Amerikaa Lama Shaampiyoonaa Roobii Dhuftuutiif Dorogmmiitti Jiran

World Series, dorgommii waacnaa baseball Amerikaati,Roobii dhuftu dhumataa kilabii Sanfransisco Gitanstii fi ta Kansas City, Royalsitti walti hafe

Guyyaa dheengaddaa K Gi’antis Rooyalsi 5-0 moohe.Giantis ganna lamaan duraa waliin marroo torba waancaa moote.Royalsiin Kansas City Royals ammo haga ammaatti marroo tokko moote.Sunu ganna 31n dura.

Taphataan Kubbaa Miilaa Barseloonaa Beekamaan,Luyis Suharez Ya Dorgommiitti Deebi'e

Taphataan Kubbaa miilaa addunyaa beekamaan Lu’is Su’arez nama ciniinee tapha irraa dhaaban amma ya taphatti deebisanii akka nama hin ciniinnee wallaansa argachuutti jira jedhe.Haga tapha dhaabe kanatti adoo hadheeffadhuu liqmsaa adabbii fudhadhee liqimsee jedhe.

Su’arez nama ganna 27ti tapah isaa jalatani doolaa miliyoona 75tin bitatan.Taatullee tapha irratti ilkaaniin namatti gama. Amala nama na ciniinsisu kanaa fala adansaa argachuutti jira jedha.

Atileetiksi

Belaaynesh Ol-Jirraa yoo maratoonii UK mootee galtu
Belaaynesh Ol-Jirraa yoo maratoonii UK mootee galtu

​Atileetotii Itoophiyaa Onkololeessa 26,27,2014 dorgommii addunyaa moohumatti jiranii dhiyoollee Frankfurt,Germany,Portsmouth,UK,Xaliyaanaa fi biyya akka akkaatti moohuutti jiran.Frankfurtittt Aberru Kebbedee tokkeessoo,UK Portsmouthitti,Belaaynesh Oli-Jiraa, Xaliyaanatti ammoo Beahyilu Maammoo fi Qonjit Xilahunitti moohe.

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:06 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG