Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoopiyaa uummata Oromoo Irratti Kallattiin Qiyyaafatee Dararaa Geggeessa


Gareen mirga dhalaf falmu ka sadarkaa Addunyaa AMNESTY INTERNATIONAL Itiyoophiyaan, saba biyyattii keessatti guddaa tahee lammiwwan Oromoo -mootummaa mormitan” sabaabaa jedhuun, itti xiyyeeffattee haala gar-laafina hin qabneen dararaa irratti geggeessaa jirti jedha gabaasaa haarawa facaaseen.

“Oromoo ta’uu koo qofaaf” dararaa fi hiraarsi kun na irratti geggeeffama mata-duree jedhuun ka maxxansame gabaasaan Amnesty International haaraan kun Lammiwwan saba Oromoo kuma hedduutti lakkaawaman “ajaja seeraa ti ala hidhamuu, himannaa seeraa malee yeroo dheeraaf mana tursiisamuu, humnaan butamanii dhabamsiisamuu, dararaa deddeebi’ee geggeessamuu fi ajjeechaa humnoota mootummaaf saaxilamanii jiran jedha. Dhuga-ba’insa namoota dhibba lamaa olii walitti-qabuu isaa illee dubbata.

Qorattuun Amnestii Inteernaashinaal Kleer Beeston akka jedhantti bara 2011 hanga bara 2014 giddutti Oromoota yoo xiqqaate kuma shan ta’antu hidhame. Mootummaan itiyoophiyaa garuu irra deddebi’ee dararaan kun rawwatamuu haala. Silaa dararaa dhaqqabe jedhame kana qorachuutu irra ture jedhu.

Kanaaf jecha gareeleen mirga dhala namaaf falman Tokkummaan Mootummotaa komishinni Afrikaa kan waa’ee mirga dhala namaa dhimma kana gidduu seenanii qorannaa walaba akka gaggeessaniif gaafanne jedhu kleer Beestoon.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:59 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG