Xurree ittiin seenan

Breaking News

Federeshiiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa,Gaafii Morookoon Guyyaa Dorgommii Kubbaa Miilaa Afrikaa 2015 Jijjiiruuf Gaafatte Ya Irratti Dide


Dorgommiin CAF,Federeshiiniin Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa akka karooraatti Ammajii 17,2015 jalqabdi
Dorgommiin CAF,Federeshiiniin Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa akka karooraatti Ammajii 17,2015 jalqabdi

Dorgommiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa Ammajii 17 haga Muddee 8,2015 dhumatti. Dorgommii torbaan sadii tana Morookootti qopheessa.Taatullee Morookoon Eboolaaf jettee akka dorgommiin tun duratti siixxu ykn guyyaan isii jijjiiramu gaafattte.Konfidereshiiniin kubbaa Miilaa Afrikaa,CAF ammoo dubbii tana irraa hin fudhanne.

Bulchootii CAF, dorgommiin tun guyyuma jedhanitti taati, Morookoon yoo qooheessuu dadhabde Sadaasaa 8,2014 irratti deebii kennuu malte. Taatullee guyyaan dhumaa waan qophi tanaa irrati murkii kennan Sadaasaa 11,2014.

Akka oduu odu gaazexaa Aljeeriyaatti perzidaantiin koree CAF Issa Hayato’u, faa fi miilata isaanii hedduutti mari’ate. Ebolaan,dhukkubii haarahii lafa dhufe Afrikaa gama Dhihaatii nama 5000 tahutti dhumate.

Dorgommii Fardaa

Awustiraaliyaa magaalaa Viktooriyaa fi magaalaa gara garaatti Sadaasaa 4,2014tti dorgommii fardoo beekmatuu Melbourne Cup jedhan ta teettoon fardaa bebeekamoo fi fardii qolchaan beekamaan irratti wal dorgomutti jalqaba.

Dorgommii tanaan “dorgommii biya miila tokkoon dhaabdu,” jedhanii faarsan.

Fardoo tana karaa metirii 3200 irratti wal qolchisiisan.Teettoon fardaa warra adoo fardi gussanii garaa fardaa jala loo’ee ulee lafaa guru,axxiyyoo farda irra teteettee wa aatu ta darbatte hin dhabnee fi warra fardoo muka kuchisiisuun beekamu. Lafti tun hagii tokko tabbaa hagii tokko koofee.Nama ganna dabre dorgommii tana moohee dolara miliyoona 3 kennan.

Dorgommii tana Austrailaaiaa cufatti TV daawwatanii addunyaatti nama miliyoona 650tti TV daawwata.Awsutiraaliyaatti saatii 3n duubatti namuu wayaa aadaa ufii naqatee kaan faashinaa,namuu faaya ufii naqatee daawwii yaa’a. jedhan.

Atileetiksii

New York,Amerikaatti Keenyaa,Shangaahitti Itoophiyaa fi Afrikaa Kibbaatii, Soweettoo Afrikaa Kibbaatti ammo atileetota Itoophiyaatti moo’e.Addunyaan gamuma gamaan dorgommiitti jirti.Dorogmmii 19essoo tana, Federeshiinii Atileetiksii Addunyaa,IAAF qopheessa.

Dorogmmii NY nama kuma 50 tahu ka hagii tokko artistoota,atileetota,abbootii siyaasaatii fi hedduutti km 42.195 irratti wal dorgome.Atileetii Keenyaa Wilson Kipsangitti dhiiraan moohe.Atileetiin Itoophiyaa Lalisaa Deessiaa lammeessoo, sadeessoolleen atileetuma Itoophiyaa Gebre Gebremariam.Atileetiin Amerikaa, Meb Keflezighiti.

Gama kaaniin ammo atileetiin Keenyaa beekamaan Rita Jepetoo qorsa humna namaa kennee nama utaalchisu liqimse jedhanii dorgommii irraa dhaaban. Atileetota dorgmmii biyya alaatti dorgomuun duratti qaraa qorsa humna namaa kennu liqismuu fi liqimsuu ykn fudhachuu dhabuu isaani laalani.

Yoo dhiiga isaani keessatti argan dorgommii irraa dhaabani waan hedduun adabanillee. Ganna lamaan dabre keesatti Keenyaatti atileetoa 36tti qorsa akkanaa fudhatani jedhanii dorgommii irraa dhaaban.Jeptoo maratoonii Boston, Chigaackoo,Stockholm, Paris, Miilaan fi Lisbon fa moohachun beekama.

Dorgommii Afrikaa Kibbaa dhiiraa fi dubralleen Itoophiyaatti moo’e.Dhiiraan Sintayehu Legese fi dubraan ammoo Meseret Birruutti moo’e .Namii afreessoo ammo atileetii Amerikaa Meb Keflezighi.

Gama kaaniin ammo waldaan kubbaa miilaa addunyaa ji’a dhufu keessa taphattoota kubbaa miilaa bebeekamoo dorgommii Ballon D’or kedhan irratti taphattoota 23 wal dorgomsiisuuf filate.

Kilabii Real Madrid keessaa nama jaha, Baayner Muunki keessaa jaha, walumattuu nama hedduutti filatame.Jara kana gaazexeessitotaa fi warra kubbaa taphachiisutti fila.Taatullee taphataan Urugay ka amma Barcelona taphatu doolara miliyona 75 caalaan bitatan Luis Suharez dorgommiifuu hin dhiyaanne.

Amala hammeenna isaa tapha irratti ilkaaniin nama nyaachisutti dorgommii tana keessaa dhaabe jedhan.Maanajeria Liverpoolii Barceloonaa fi namii hedduun Luia hafuun seeraa malee jedha.Isaan maan jettan?

Qophii ispoortiiti fi jedhaa nuu ergaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG