Xurree ittiin seenan

Breaking News

FIILMII AFAAN OROMOO HAARAA "QURXAMA"


Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa
Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa

Fiilmiin afaan Oromoo haaraan kan mata dureen isaa Qurxama jedhu dhiyeenya kana eebbisamee jira. Fiilmiin kun seenaa jaalalaa irratti kan hundaa’e si’a ta’u ergaan isaa garuu jaalalli walii yaaduu wal tumsuu fi wal gargaaruu akka ta’e ibsa jedha directorri fiilmichaa fi fiilmii kana keessattis taatoo ta’uun kan hirmaate dargaggoo Getachew Niguse Gobbuu.

Dargaggoo Geetaachewn fiilmiin afaan Oromoo yeroo yerootti ba’uu isaanii qofa utuu hin taane uummataaf ennaa dhiyaatan danqaa isaan mudatu illee ibsee jira. Kanneen fiilmii barreessan hedduun hanqina maallaqaa fi sponora dhabuun fiilmiiwwan ba'an uummataaf utuu hin mul’atin hafu ykn immoo bakka akeekameef utuu hin ga’in hafu jedha Getachewn.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:18 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG