Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abdul Abba-Jabal ,New Yorkitti Abbaan Mana Juusii ‘Oasis Jimma Juice Bar’ Nama Hedduu fkn Taje


Manii Juusii 'Oasis Jimma Jucie Bar,'NY Amerikaa naannoo Manhattan jira
Manii Juusii 'Oasis Jimma Jucie Bar,'NY Amerikaa naannoo Manhattan jira
Mana juusii 'Oasis Jimma Jucie Bar'
Mana juusii 'Oasis Jimma Jucie Bar'

Gaafa gannii isaa 15 Sawudii Arebiyaatti gala jedhe biyya bahe. Hin taanee qabanii Itoophiyaatti deebisan.Eegee warqii barbaada naannolee Itoophiyaa hedduu irra maree achii Yemenitti dabre.

Akka warrii isa beeku jedhutti,bara tokko adoo bidiru yaabbatee bisaan gubbaa deemuu bidiruun bisaaan jidduutti qurxamteen, achilleen nagumaan bahe. Deemuma deemee keenyaa gahe, haguma turu turee bara 2004 milkaahee biyya bara hedduuf dharrahaa bahe,Amerikaa gahe.

Gama bitaati Abdul Salaam,ka isatti aanu nama Amerikaatti fiilmii hojjachuun beekamu Ben Stiller mana Juusi Abduliiti juusii dhuguu dhufe
Gama bitaati Abdul Salaam,ka isatti aanu nama Amerikaatti fiilmii hojjachuun beekamu Ben Stiller mana Juusi Abduliiti juusii dhuguu dhufe

​Abudul Salam Abbaa-Jabal (Abdil) nama ganna 33, eegii Amerikaa dhufee ganna 10.Amma New Yrok, Manahattanitti mana Juusii,Oasis Jimma Juice Bar jedhan banatee hojjachuutti jira.Namaa isa hojjatu saddeti qaba.Nama biyya alaatii dhufe ka jabaatee jireenna wayyeeffate hujin isaatuu namaa fkn taate jedhanii faarsan.

“Gaafa Amerikaa dhufe ykn jabaadhee barachuu ykn ammoo jabaadhee daldaluu malee jedhee murteeffadhe.”Namii guddachuu fedhu akka inni jedhutti jabaatee hojjachuu fi waan hojjatu sun jaalachuu male.

Akka Abdul jedhutti nama Amerikaa bebeekamaa fiilmii hojjachuun beekamu ka akka Saamu’eel Jaaksenii fi qabsahaan mirga Amerikaa fi kitaaba gara garaa barreessuun beekamu Dr. Cornel West,ka fiilmii akka akkaatii fi tapha TV irratti nama gammachiisuun beekamu,Ben Stillerii fi nama bebeekamaa Amerikaa hedduutti mana juusii ‘Oasis Jimmaa Juice Bar’ kanaa dhufee juusi dhuge.

Gama bitaatii Abdul Salaam,ka isatti aanu Dr.Carl West qabsaahaa mirga nama Amerikaa fi kitaaba hedduu barreessuun beekamu
Gama bitaatii Abdul Salaam,ka isatti aanu Dr.Carl West qabsaahaa mirga nama Amerikaa fi kitaaba hedduu barreessuun beekamu

Mama Juusii Abdullitti juusii akka akkaatti gurguran; hagii tokko ta namii gabbachuu hin feene dhugu,hagii tokko ammoo ka warri sukkaarii hin jaalanne dhuguu fi juusii gosa gosaattti jira. Manneen amantiillee dhaqee yoo tokko tokko tolaan ummata gargaaraa jedha,Abdul.

Ganna diqqaa keessatti maanti akkana si milkeesse jennaan “abbaan kiyya durii gaafa Jimmaa jiru,saatii 16 caalaa hojjatee waan hedduun ummata gargaaraa bahe,anilleen jabeenna sunti asiin na gahe.”

Karoorii isaa itti aanu waan ummata New York rakkisuutti jiraa ka akka gabbinna haga dabraa,dhukkuba sukkaaraa fi ka akka akkaa irratti documentary hojjachuu fedhaa jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:04 0:00
Xurree marsariitii

Teessoon mana Juusii Abdul
Oasis Jimma Juice Bar

3163 Broadway / Tieman Place

New York

USA

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:40 0:00
More
XS
SM
MD
LG