Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan Ittuma Baafattee Ebola Ufi irraa Dhowwachuutti Jirti


Dhaaba Fayyaa Addunyaatii fi gargaarsa biyyootii hedduun kennanitti dhiba Eboolaatii fala barbaaduutti jira
Dhaaba Fayyaa Addunyaatii fi gargaarsa biyyootii hedduun kennanitti dhiba Eboolaatii fala barbaaduutti jira

Ebolaan,dhukkubii Afrikaa gama Dhihaatti arganii amma addunyaan sodachutti jirtu haga ammaatti biyya itti arganitti nama 5,177 fixxee,14 caalaa caalaa irratti argan.

Akka gabaasa Baankii Addunyaatti Eboolaa akka duraan sodaatan kaan jireenna Afrikaa Dhihaa miidhuutti hin jiru.

Francisco Ferre’ira ogeessa mala jireennaa Baankii addunyaa damee Afrikaati. Akka innii Afrikaa Kibbaa, Johanisbergi keesatti jedhee Ebooolaan doolara biliyoona 3 haga 4 Afrikaa irraa balleessuu dandaha.

“Gargaarsa addunyaan horii fi nama baratellee ergitee ardii sun gargaartetti tana fide.”

Baankiin addunyaa gabaasa Onkololeessa dabre keessa baasteen dhukkubii kun Guinea,Laaybeeriyaa fi Seraaliyoon irraa doolara biliyoona 32 fixa.

Dhukkuba kana biyyoota Afrikaa ta hafanitti dabruu dhowwuunilleen hujii akka dansaa hojjatamte jedhan keessaa tokko.

Senegaalii fi Naayjeeriyaan Ebola hadhanii biyya ufiitii baafatan Maaliilleen ittuma jirti.


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG