Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoopiyaa Keessa Dhibeen Eboolaa Hin Jiru Jedhu Angawoonni


Afriikaa dhiyaa keessaa uummata kuma 14 ol kan hube kanneen kuma shanii ol immoo kan galaafate Ebolan mata duree maree Sanaa ture.

Galma wal ga’ii hoteela giyoonitti kan geggeessame mariin kun sabaa himaa dhaan waamichi kan godhamee fi qaamotiin hawaasaa adda addaa kan irratti hirmaatan ture.

Kanneen keessaa tokko hojii dhuunfaa ofii irratti kan bobbaate Firehiwot Mengistu Yaaddoo Ebolaan itti uume gudddaa ta’uu dubbatti.

Nuti waa’ee kanaa baay’ee dubbanna. Hedduu soaannas. Hatattamaan uummata hamma kana erga ajjeesee biyya keenya yoo dhufe naannoo dhiphisaa akkasii keessatti atoobisii fi taaxii dhaan illee ennaa adeemnu walitti bubbu’uu jiru ilaalchisee maal ta’uu akka danda’u ennaa ilaallu hedduu yaaddofna.

Wal ga’ii kana irrattis fedha koonan hirmaachuu dhufe Hojii mootummaa irratti bobba’ee kan hojjetu Mekonon Ayeles marii kana irratti kan argame dhunfaa isaan ture.

Waa hubachuun mala ittiin of eeggatan ta’uu isaa ibsee jira. Attam nama hin yaaddessu. Kun waa’ee du’aa fi jireenyaa ti. Kanaaf Maatii keess mara iyyuu lubbuu oolchuu kan dandeessu yoo ofii kee hubannaa qabaatte qofa jedhan

Jalqaba wal ga’ichaa irratti haasaa kan dhageessian gorsaa minister deetaa eegumsa fayyaa fi itti gaafatamaan waajjiraa Dr. Taayyee Toleeraas waa’ee hubannoo qabaachuutti qiyyaafata kennuun ibsa kennaniiru.

Waajjirri minist mariiwwanii fi ibsaawwan hubannoo kennan qopheessuu dhaan uummatichaan ga’aa jiraachuu kanas cimsee kan itti fufu ta’uu beeksisaniiru.

Hawwaasichi yeroo tokko tokko marsariitii ykn caasaalee hawaasaa irratti kanneen gabaafaman oduuwwan dogoggoraa fi hundee hin qabaanne dhaga’uu hin qabu. Ragaalee argannu mara qorannee simachuu qabna. Kanaaf maddi oduu qabatamaa ministedra eegumsa fayyaa waan ta’eef jecha raga ministeera eegumsa fayyaa hordofuutu barbaachisa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG