Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aabba Jaatanii Diidaa, Kitaaba Haaraa Barreessee Lammeessoo fi Sadeessoolleen ‘Dhiyoottuu Baha.’


Abbaan Kitaaba kanaa,aabba Jaataniin kitaaba afur barreessee amma tokkotti dhumate
Abbaan Kitaaba kanaa,aabba Jaataniin kitaaba afur barreessee amma tokkotti dhumate

Kitaabii aabba Jaataniin barreessee ‘Jaaraa Haaromsa Aadaa fi Seenaa Booranaa jedha.

“Kitaaba afur barreessuutti jiraa ka duraa bahee gabayaa irraa jiraa,lammeessoo fi sadeessoo fixee,amma afreessootti jira.”

Maaf akkana aadaa barreessuu feete jennaan;“aadaa ani keessatti guddadhetti akka ani faaya kana aadaa jabeeffadhu na tolchee na guddise.”

Tana maleellee diqqeennaa jalqabee aadaa barachaa dhufe, “keessumattu yoo jaarroleen ijoollee kuuchu gorsitee waan hedduu barsiiftu argee jaaladhee ufillee nama akka dansaa nama gorsu tahuu fedhe.”

Tana maleellee argaa dhageetti jaarrolee irraaa dhagahetti yaada kitaabaaf naa tahu walti qabaa dhufe jedha aabba Jaataniin.Kitaabii kun, Jaaraa Haaromsa Aadaa fi Seenaa Booranaa, boqonnaa jahaa fi fuula 377 qaba.

Boqonnaa jahaan kana keessatti hujii abbootiin gadaa ganna saddeettan Gadaa harkaa qaban keesatti hojjatan,aadaa waaqan kadhatan, jila,seera abbaan gadaa baalii fuudhee,yuubomee mataa buufatee, Gadaammojjii tahuu fi walumattuu mataa-duree hedduutti keessa jira.

Maaliif kitaaba barreessuu jaalattee jennaan namii namatti wa himu waan namatti himu sun jabeessee barachuu malee jedha.

“Kitaaba hedduu hanqinna keessatti argaa..namii kitaaba barreessuu adoo aadaa sun guddoo hin qoratin,adoo keessa isii hin seenin torbaanuma ykn ji’uma tokkoo keessatti kitaaba barreessa,ani ammo tana guutuuf barreesse.”

Namii kitaaba jalqabaa barreessuu akka yaada aabba Jaatanitti barreessuu caala maxxansuutti isa dhiba,rakkoo guddooyyuu mana maxxansaatti jara barreessuu irratti fida.

Nama aadaa barreessu maan jettee gorsu feeta jennaan“waan barreessan sun, aadaa barreessan sun irra dedeebihanii ka barreessu caalaa ka dubbisutti dhugaa himuuf barreessuu malan. Kitaaba kana keessatti namii Oromoo ufi arga.”

Namii kitaaba kana dubbisu maan keessatti arga jennaan “uummaa arga,uumama arga,aadaa fi seenaa fi Oromummaa ufii arga.”

Aadaa ani gaafa ani ganna 16 gahee jalqabee barachaa akka yaadannootti qabachaa dhufetti guddadhee kitaaba naa tahee jedha aabbaa Jaataniin. Aabba Jaataniin barumsaan digrii lammeessoo qaba,amma itti gaafatamaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Booranaati.

please wait

No media source currently available

0:00 0:11:19 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG