WASHINGTON DC —
Murtii gurumuu murtii uummataa biraa kennamee fi miseensa poolisii adii kan daraggoo gurraachaa tokko kutaa St Louis misuurii keessatti ajjeesee balleessaan itti hin muramin hafe irraan kan ka’e lammiiwwan Ameerikaa addaan qoodamanii jiran.
Kaan isaanii haqa dhabiinsa lammiiwwan ameerikaa hidda dhalata Afriikaa irratti raawwatame ilaalchisee aarii qaban ibsaa jiran. Kaan immoo adeemsi nageenyaa akka kabajamu gaafataa jiran.