Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haqatu Jal’ate jechuun lammiiwwan Ameerikaa mormii dhageessiaa jiran


Hiriira Haqaaf falmatu Washington DC-tti
Hiriira Haqaaf falmatu Washington DC-tti

Ameerikaa keessatti seerri haala hojii humnootii naga eegumsaa poolisii jirjjiiru akka ba’u gaafachuuf jecha sanbata darbe lammiiwwan biyyattii hiriira nagaa ba’anii jiran.

Dhiyeenya kana lubbuun gurraachota Ameerikaa lama harka isaaniitti kan darbe poolisoonni lama himannaan akka irratti hin dhiyaanne murtaa’uun guutummaa biyyattii keessatti hiriira mormii dhaqqabsiisee jira.

Hiriirawwan kana keessaa inni guddichi kan sanbata darbe as Washington Dc keessatti geggeeffame ture.

Sanbata darbe hiriirtonni kun naannoo White House ka’anii gara waajjira mana marii bakka bu’ota uumataatti kan deeman dhaadannoo jijjiirraan haa ta’u jedhu dhageessia turan.

Harka koo ol qabeera. HIn dhukaasiin dhaadannoo jedhu dhageessisuu dhaan Fergison Mizuri keessatti rasaasa poolisiin rukutamee kan du’e haala ajjeechaa daragaggoo umuriin waggaa 18 Mikil Brown ibsaa turan.

Nan ukkaamame” hafuura baafachuun dadhabe jedhanii dhaadannoo dhageessisuu dhaan immoo miseensa Poolsii NYn ukkaamsamee kan lubbuun isaa darbe haala ajjeechaa Eerik Gaarneris akkasuma beeksisaa turan.

Hiriira sana irratti lammiiwwan Ameerikaa bifa godaan, saala, umuriif amantiin utuu adda hin ba’in harka wal qabachuu dhaan irratti hirmaatan. Kanneen keessaa gara jabina poolisiitiin miseensota maatii isaanii fi ofii isaanii irra miidhaan kan ga’e abbootii, harmoolii, obbolootaa fi obboleettonni suraa maatiwwan isaanii miidhaan irra ga’ee baatanii tuaran jechuu dhaan bakka hiririra sanaatti argamee kan ture waahilli keenya Henok semagzer gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG