Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tapha Waancaa Afrikaa 30essoo Ittuma Jiranii, Tapha Guyyaa Sadiitti Gooli 15 Galee Aljeeriiyaan Jalqabaanuu 3-1 Moote


Garee Equwaatooriyaal Giinii,biyya Waancaa Afrikaa bara 2015 qopheessitee
Garee Equwaatooriyaal Giinii,biyya Waancaa Afrikaa bara 2015 qopheessitee

Sengaal 2- Gaanaa 1

Aljeeriyaa 3-Afrikaa Kibbaa 1

Zaambiyaa 1-Koongoo DR 1

Tuniiziyaa 1-Kep Verdee 1

Equwaatoriyaal Giinii 1 Koongoo 1

Gaabon 2-Burkiinaa Faasoo 1

Dorgommii Waancaa Afrikaa Eqwatooriyaal GiinIitti qopheessaan taphachumatit jiran.Tapha guyyaa sadiitti goolii 15 galee, nama kuma kurnya hedduutti bahee daawwate.

Tapaha Garee C keessaa Senegaalii fi Aljeriyaan duubaa dhufani mo’an.Tapha guyyaa sadii marroo jaha taphatanii biyyiyii sadii qoftii wal moote sunitti , Bafaanaa Bafaanaa Afrika Kibbaatii fi Black Stars, Gaanaati taphi hin taane.

Tpahta Senegaal, Gaanaa 2-1 moote irratti taphataan Senegaal Moussa Sow sekondii hafte keessatti gooli keessa buufatee Senegaal mirgaan galatte.

Senegaal ta Moussan galche sun waliin marroo haga 20 gooli galchuuf balbala Gaanaa,Black Stars irraa cabsuuf gamte kubbaa sibiilaa gooliiti fi laphee namicha goolii eeguutiin dhaananii taan ammoo qilleensa keessa oofte.

Gooli takkittiin Gaanaa gurbaan isiin Faransaayii fidatte Andree Ayewutit daqiiqaa 27essoo irratti keessa buuseef.

Gaanaan tapha jalqabaa irratti goolii galchu malte hedduu dhabde. Gurbaan isiin abdattu, Asamoah Gyan, biinnii, busaa irratti arganii wallaanchuutti jiraa.

Gaanaa silaa tapha jalqaba akka dansaa taphachaa dhuftullee taphii sun goolii hin taaneef.Goolii Senegaal ta qaraa Mame Diouf,nama isiin kilabii EPL,Stoke City fidatanitti daqiiqaa 58esso irratti keessa buuseef.

Senegaal duubumaa dhuftee moote.Gama kaaniin ammoo Aljeeriyaallee Bafana Bafana Afrikaa Kibbaa 3-1 adabdee waan hamtuu goote.Aljeeriyaan duruu nama hedduu alaa fidatte jedhanii sodaatanillee yoo taphii jalqabe haga Afrikaa Kibbaa miila hin oowwine.

Afrikaan Kibbaa tapha jalqabaa ufumatti qabaadhattee daqiiqaa 51 irratti Thuso Phala goolii qaraa galcheef.Kubbaa adabbii ta taphataan isii Tokelo Rantie dhiitelleen sibiilaa gooli dhooftee irraa deebite.

Afrikaan Kibbaa Gooii sadeen Aljeriyaan AfrIkaa Kibbaatiin moote ta qaraa Afrikuma Kibbaatti daqiiqaa 67essoo iratti ufitti galchite, ta lammeessoo Faouzi Ghoulam,ta sadeessoo ammoo Islam Slimani dabaleef.

Ammajii 20,2015 ammoo Ayvori Koosti fi Giiniitti waliin taphata.Diider Diroogbaa dhufuu baatullee Ayvori Koasti moohichaan egan.

Tapha Maali fi Kaameruun irratti taphataan Maalii,Saamu’eel Eto dhufuu baatullee abdi qabdi.Fulaa Saamu’eel hin jirretti Maaliin Vincent Aboubakar abdatti.

Tapha Waancaa Afrikaa kana Equwaatooriyaal Giinii magaalaa afur keesstti itti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG